Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Feesbuukiin UK' keessatti ragaa mallattoo Covid-19 walitti qabuuf
Dhaabbanni Feesbuukii UK keessatti fayyadamtoota isaa muraasarratti akka mallattoowwan Covid-19 qaban qorachuu harra kan eegalu ta'uu beeksiise.
Dhaabbatichi kana kan raawwatu Yunvarsitii Kaariniinee Meelan waliin yoo ta'u, qorannichiis tatamsa'ina vaayirasichaa baruuf na gargaara jedhameera.
Feesbuukiin ragaa fayyaa fayyadamtoota isaa kan ol hin keenyeefi battalumatti gara yunivarsitichaatti kan dabarsu ta'uu beeksiiseera.
Oggeessi tokkoos ragaan argamu qorattootaaf ni fayyada kan jedhan yoo ta'u, haata'u malee mallattoo qofti namarratti mullachuun ammoo waa'ee dhukkubichaa sirriin ibsuuf ni gargaara jechuu miti jedhaniiru.
Feesbuukiin Ebla 6 irratti qorannoo walfakkaatu Ameerikaatti gaggeessee kan ture yoo ta'u, torban keessatti deebiiwwan miliyoonaan lakkaa'aman argatee ture.
Fayyadamtooti Feesbuukiis mallattoowwan Covid-19 baraman kan akka qufaa, qaama gubaa isaan irratti argamuu isaa ni gaafata.
Yunvarsitichis erga torban keessatti ragaa kana walitti qabateen booda hospitaaloota Covid 19 naannichatti wallaanaa jiran namoonni meeqaa wallaansa barbaachaaf akka dhaquu danda'an raaguu hojjata.
Feesibuukiin Ameerikaatti ragaa walitti qabee bu'urreeffachuunis mallattoo tatamsa'inni vaayirasichaa maal akka fakkaatu ilaalchisuun biyyattii guutuuf kaartaa maxxanseera.
Yunvarsitii Haavaardiitti qorataa kan ta'an Maariichiiyoo Saanetiilaanaa pirojektichi ''baayyee bu'a qabeessadha,'' jedhaniiru.
''Covid-19 amma tatamsa'ina dhukkubichi hawaasa keessatti qabu tilmaamuuf danqaa olaanaatu nu mudate,'' jechuun BBC'tti himan.
Kanaafuu hanguma odeeffannoo baayyeen argamuun hubannoo fooyya'aa argachuun kan danda'amu himaniiru.
Haata'u malee, ragaa madda tokkichaa qofaa irratti hundaa'uun gaarii waan hin taaneef, kan Feesbuukii waliin ragaalee biraa oso fayyadamnee ni wayyas jedhan.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras