Koroonaavaayiras: Awustiraaliyaatti kantiibaan dhorkaa kaa'ame cabsuun osoo dhuganii qabaman adabamani

Madda suuraa, Warrnambool City Council
Awustiraaliyaatti kantiibaan kutaa biyyaa Viktooriyaa keessaa dhorkaawwan koroonaavaayirasiif kaa'aman daddarbuun daandii gubbaa otoo biiraa dhuganii mul'atan adabaman.
Warnaambuul Toonii Herbert, hooteela fuulduratti namoota sadii biroo waliin dhugaatii qabatanii kaameeraan erga qabamanii boodadha adabbiin kun kan irratti fudhatame.
Suuraan kara-deemaa tokkoon ka’e kun osoo hin ba’in dura kantiibichi jiraattonni magaalattii mana akka turan akeekkachiisaa turani.
Poolisiin Viktooriyaas dambii tamsa’ina vaayirasichaa xiqqeessuuf ba’e hin kabajne jechuun kantiibaan kana $1000 ta’u adabeera.
Toonii Herbert balleesseera jechuun dhiifama gaafatanii jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

''Dhimmuma Koroonaavaayirasiin wal-qabtuufan abbootii qabeenyaa waliin haasawaa ture, garuu seera haaraa fayyummaa hawaasaa ba'e cabsuukoo waanan hubadheef badii kiyyaaf dhiifama guddaan gaafadha,'' jedhaniiru.
Poolisiin namoota sadii isaan waliin turanis seera ogeessonni fayyaa baasan cabsitaniittu jechuun kan adabe yoo ta'u, afran isaaniiyyuu dhugaatii bakka hin hayyamamnetti dhuguu akka itti hin deebine jechuun akeekkachiisuus ibsameera.
Sa'aatii muraasa dura ergaa viidiyoo fuula Feesbuukii mana maree magaalichaa irratti gadhiifame irratti Herbert, ''dambiiwwan walirraa fagaachuu haa hordofnu, waan mootummaan nugaafates hojiirra oolchuu itti haa fufnu,'' jedhanii turani.
Haga Kamisaatti biyyattiitti lakkoofsi namootaa vaayirasichaan qabaman 6,468 yogguu tahu, namoonni 63 ammoo lubbuun darbeera.
Jalqaba ji'a kanaatii eegalee lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii gadi bu'eera - sa'aa 24 dabran keessa namoota 21 qofatu argame.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














