Koroonaavaayiras: Lammileen Kooriyaa Kibbaa maaskii haguuggatanii filannoo gaggeessaa jiru

Madda suuraa, AFP
Filattoonni haguugduu fuulaa keewwatanii deemuu qabu, walirraa immoo meetira 1 fagaatanii dhaabbachuu ni qabaatu. Ho’i qaama isaanii ni ilaalama, harka isaanii ni qulqulleessuufi haguugduu harkaa (gloves) ni keewwatu.
Kana yoo raawwatan qofaa dha kaardiin filannoo isaaniif kennamee sagalee kan kennuu danda’an.
Kunneen tarkaanfiiwwan muraasa filannoon biyyaalessaa yeroo weerara kanaatti akka geggeeffamuuf fudhatamani dha.
Gumii Biyyaalessaa biyyatii keessaa taa’uumsa dhibba sadiitu dorgommiif dhiyaata. Paartileen 35 kaadhimamtoota galmeessaniiru.
Haa tahu malee dorgommichi paartii demookiraatii Minjoo fi paartii mormituu Yuunaayitid Fiiwuchar gidduutti adeemsifama.
Mootummaan weerara koroonaavaayirasii to’achuu danda’un dhimma ijoo yeroo filannoo kanaa namni haasa’aa jiru dha.
Diinagdee wal’aansoo keessa jiruufi malaamaltummaa biyyattii keessa jiru dagachiisaa laata yaaddoon jedhu jira.
Filannoon ammaa kun kaadhimatoonniifi paartileen kan itti madaalamaniifi uummataan jaalatamuun isaanii kan itti ilaalamu dha.
Kanaanis filannoo pireezidaantummaa bara 2022'f qophaa’uu.
Qeeqxonni baayyeenn hokkorri ni jiraata jechuun haa yaadda’aniyyuu malee, filannoon haala tasgabbaa’aa taheen adeemsifamaa jira.
Namoonni fageenya isaaniif hayyamame qofarra dhaabatu, dabaree isaaniis obsaan yoo eegan mul’atu.
Shamarreen filannoo irratti argamte tokko, ''filannoon achi waan dabarfamu natti fakkaatee ture, amma garuu namni as filachuuf waan dhufeef sodaa hin qabu,'' jetti.
Namoonni ni qabaman jedhanii sodaachuun filannoo irraa hin hafne.
Dargaggoonni ganna 18 yeroo jalqabaaf filannoo irratti hirmaatan illee weerarri kun filannnoorraa akka isaani hin hambisne himu.

- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Kilinika filannoo warreen adda baafamaniif
Kooriyaan Kibbaa filannoo takkaa achi dabarsitee hin beektu, yeroo waraana Kooriyaa bara 1952'tti illee filannoon pireezidantummaa gaggeeffameetu ture.
Rakkoon mootummaa inni guddaan namoonni akka hin qabamne akkamiin taasifnaa kan jedhu ture.
Namni tokko yoo ho’i qaamasaa 37.5c darbe namoota irraa adda baafamee akka filatu taasifama jechuun murteessan.
Dhukkubsattoonni vaayirasichaan qabamanii hospitaala jiran sagalee isaanii poostaan akka ergan taasifameeera.
Namoota mallattoo dhukkubichaa qabaniifis lafti filannoo naannoo jireenyaan ala taasifameefi jira. Kunis vaayirasichi akka hin tatamsaaneef yaadameeti.
''Jalqaba barana hin filadhu jedheen natti dhagahmee ture,’’ jechuun Rooyitarsitti himte shamarreeen filannoof achi jirtu.














