Koronaavaayiras: 'Ekeraan' magaalaa Indoneezhiyaa keessatti hojiirra oolmaa qajeelfama walirraa fageenyaa to'achuuf gargaaraa jira

Madda suuraa, Reuters
Biyya Indoneezhiyaa mandara tokko keessatti 'ekeraa' fayyadamuun weerara koronaavaayirasii ittisuuf hojiirra oolmaa qajeelfama walirraa fageenya hawaasummaa to'achaa jiru.
Ganda sana keessatti namoonni fedhii isaaniitiin akka 'ekeraatti' uffatanii namoonni akka walirraa fageenya hawaasummaa hojiirra oolchaniif sodaachisu.
Gandi Kepuuh jedhamtuufi Odola Jaavaa irratti argamtu kun ji'a darberraa kaastee 'ekeraa' halkan to'atan kana kan bobbaasuu jalqabde.
Fookloorii Indoneezhiyaa keessatti ekeraan beekamaa Pokong jedhamu lubbuu namoota du'anii kiyyoon qabatee bakka bu'a.
Haata'u malee, akka ogeessonni jedhanitti lakkoofsi sirrii namoota vaayirasichi guutummaa biyyattiitti irratti argamee kana caala sodaan jedhu jira.
Akka hojjetaan dhaabbata oduu Roohitars tokko gara mandaraa sanatti imaluun peroo Pokogo hojiirra jiru ilaaletti garuu yeroo jalqabaa kaayyoo yaadameef faallaa ta'ee argamee ture.
Namoonni ganda sanaa tola-ooltota sana ilaaluudhaaf itti dacha'anii turan.

Madda suuraa, AFP
Haata'u malee, akka namoonni naannoo sanaa jedhanitti garuu Pokong osoo hin beekamiin waan ummata keessa seenaniif tooftaan sun namoota sodaachisuudhaaf gargaareera jedhu.
"Erga Pokong naannoo sanatti mul'atanii booda maatiifi ijoolleen mana isaaniitii hin baane," jechuun Royitarsitti dubbatu jiraataan Karnoo Suppaadoo jedhaman.
"Sagada galgalaa boodas namoonni walitti hin qabamanis, daandiirras hin turan."
Eegduun masjiida qe'ee sanaa Anjaar Paankaa jedhaman Jakaartaa Post maxxansa jedhamutti akka himanitti, tooftaan kun hojjeteera. Sababiin isaa ammoo dhukkubichi akka ajjeesuu danda'ullee waan jiraattota yaadachiisuuf ni sodaatu.
Tooftaan 'ekeraa' fayyadamuu kun garee dargaggootaa poolisoota ganda sanaa waliin ta'uudhaan qophaa'e.
"Waan addaa hojjechuu barbaadne. Wanta nama rifaasisuufi qalbii namaa qabatu uumuu barbaadnee Pokong kan baayyee rifaasisaafi sodaachisaa ta'e fayyadamne," jedha dursaan garee dargaggoota Anjaar Pankaaningtaas.
Tarkaanfiin cimaan fudhatamuu baannaan namoonni dhibeen kun irratti argamu akka malee baayyachuun humna dhaabbata fayyaa biyyattii ol ta'uu mala sodaan jedhu jiraatullee, Pirezedaantiin Indoneeshiyaa Jookoo Widoodoo tarkaanfii sochii dhorkuun hin fudhatiin jiru.
"Jiraattonni ammallee akkamiin akka weerara Covid-19 kana ittiin ittisuun danda'amu irratti hubannoo hin qaban," jechuun Rooyitarsitti dubbatan dursaan gandichaa.
"Jireenya isuma yeroo nagaa baran jiraachuu barbaadu. Qajeelfama mana turaa jedhu hojiirra oolchuun rakkisaadha."

- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Akka ragaa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti Indoneeshiyaa keessatti namoota 4,500 koronaavaayirasiin kan irratti argame yoo ta'u namoonni 400 ammoo dhibee kanaan du'aniiru.
Baramaa ta'uu baatus, tarkaanfii adda ta'e akka kanaatiin balaa dhibeen kun qaqqabsiisurratti hubannoo hawaasaa cimsuuf inni kun addunyaarratti kan jalqabaa miti.
Indiyaa keessatti, balaa vaayirasichi qaqqabsiisu akka hubatan gochuudhaaf poolisoonni helmeetii boca vaayirasii qabu godhatanii uummata keessa deemu.

Madda suuraa, AFP
















