Koronaavaayis: Tiraamp US bakka dhibeen Covid-19 itti hammaatetti ' tasgabbiin ni ta'a' jechuun sagalee abdii dubbatan

Hojjetaa fayyaa Biruukiliin keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetaa fayyaa Biruukiliin keessatti
Maxxanfame

Donaald Tiraamp US bakkeewwan rakkoo qaban keessatti haalli koronaavaayiras 'tasgabba'aa' jiraachuun abdii qaban ibsan.

Kunis duula vaayirasichaarratti taasifamu kan 'abdii ifaa agarsiisuudha' jedhu.

Kaleessa Niiw Yoork keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamaniifi du'anii hir'achuun gabaafameera.

Tiraamp hir'achuun isaa "mallattoo gaariidha" yoo jedhu, weerarri kun namoota heddu ajjeesuu akka danda'u garuu yeroon kana caalaa itti hammaatu jiraachuu akka malu akeekkachiisaniiru.

"Guyyoota dhufan keessatti Ameerikaan rakkoo weerarri kun fide jalaa ni baati," jedhan ibsa guyyaa guyyaadhaan waa'ee koronaavaayiras irratti kennaniin.

Antoonii Faa'uch Tiraamp waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Antoonii Faa'uch Tiraamp waliin

Koree pirezidaantichaan waa'ee koronaavaayirasiirratti hundaa'ee keessatti miseensa kan ta'an Deborah Biriks akka jedhanitti, Xaaliyaaniifi Ispeen keessatti guyyoota dhihoo as lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'anii hir'ataa jira, inni kun iammoo "waan gara fuulduratti raawwatuuf abdii nuu kenneera," jedhan.

"Torbee dhufu bakkeewwan ammatti vaayirasichi hedduminnaan tatamsa'etti haalli jiru ni tasgabaa'aa jennee abdii qabna," jedhan Dr Birx.

Doktorri yaala baqaqsanii wallaanuu waliigala yeroo dhihootti akkas jedhanii akeekkachiisanii turan: "Taateen kun lubbuu lammiilee US tiif baay'ee ulfaataafi gaddisiisaa ta'a."

"Inni kun rakkoo keenna Piirlii Haarbar, 9/11 ta'a," jechuun Dr Jeeroomeb Adaamis Fox News'tti himaniiru.

US keessatti hamma ammaatti namoonni 337,274 ta'an vaayirasichaan yoo qabaman; 9,619 ammoo sababa COVID-19 lubbuunsaani darbeera. Innis kunis lakkoofsa addunyaarraa lakkoofsa guddaadha.

Niiwu Yoork keessatti maaltu haarawa?

Gaafa Dilbataa bulchaan Niiwu Yoork Andrew Cuomo namoonni haaraa 594 du'uusaanii himuun kun ammoo lakkoofsa namoota du'anii 4,159'tti ol guddisa jedhaniiru.

Innis akka jedhetti jiraattoonni Niiwu Yoork 122,000 vaayirasichaan qabamaniiru. Dabalataanis namoonni hospitaala keessatti yaala akka argatan taasifamanii turan %75 ta'an hospitaalaa bahaniiru jedhan.

Dhukkubsattoonni hospitaala keessatti yaala argachuuf gaafatan torbee kana keessaati yeroo jalqabaatiif hir'ateera, akkasumas lakoofsi namoota du'aniis hir'ateera jechuun ibsan.

Sa'aatii 24 darban keessatti ammoo namoonni 630 du'aniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa