Finfinneetti poolisiin uffata danbiifi meeshaalee waraanaa magaazinatti kuufame to'achuu beeksise

Maxxanfame

Finfinneetti uffata dambii raayyaa ittisa biyyaa, kan poolisii federaalaafi kan komishinii poolisii Magaalaa Finfinnee dabalatee meeshaalee loltuu garaa garaaa magaazina keessatti kuufame ta'achuu Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa beeksiise.

Qajeelchi poolisii ibsa harra fuula feesbuukii isaarratta maxxanseen akka beeksiiseetti, shakkamtoonni kunneen uffata dambii dabalatee meeshaaleen waraanaa akka boombii, shiguxiifi rasaasaa waliin to'annaa jala oolchuun qorannaa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Kutaa magaalaa Addis Katamaa, Aanaa 10 bakka maqaan addaa isaa Ifooyitaa Gabayaa' jedhanuutti dubartiin tokko karaa seeraa alaatiin mana kuusaa kireeffachuun uffata dambii poolisoota Magaalaa Finfinneefi Federaalaa dabalatee kan naannoolee hedduu, saqqiiwwan, kuffiiyyaa, kopheewwan, koddaawwaniifi meeshaalee loltuuu hedduu kuuftee jirti.

Shakkamtuun kun mana kusaa kireeffatteen alattis suuqiiwwan biraa sadii keessatti meeshaalee kanneen kustee argamuushee Itti-gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Komaandar Kabbadaa Asaffaa beeksisaniiru.

Meeshaalee loltummaa kanneen alattis boombii, shuguxiifi rasaasawwan 267 man-kuusa keessatti akka argaman Komaandarri kun ibsaniiru.

Namoonni shan yakka kanaan shakkamanis to'atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu kan himan itti-gaafatamaan kun, dubartiin man-kuusa kana kireeffatan garuu kophee keessa kaa'uuf akka ture qorannoon bira gahamuu himaniiru.

Haata'u malee, shakkamtoonni mana-kuusa Daldallifi Industiriin aanichaa saamsee ture haala duula koronaavaayirasitiin umamee akka carraatti fayyadamuun cabsanii galuun yakka kana raawwachusaanii Komaandarri kun himaniiru.

Dhimmichi baayyee yaaddessaa ta'uu isaarraa kan ka'een poolisiin federaalaafi magaalaa Finfinnee Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya Biyyaaleessaa waliin dhimmicharratti hojjataa jiraachuu beksiisan.

Uffata pooliisiifi raayyaa, akkasumas meeshaalee kanneen qaamoolee hayyamameef malee raabsuun, gurguruufi qabatanii argamuun seeraan dhorkaa waan ta'eef namoonni yakka kanaan shakkaman qoratamaa akka jiran ibsuun, gochaawwan walfakkatanirru of eeguun barbaachisaa akka ta'es Komaandar Kabbadaan ergaa dabarsaniiru.