Koronaavaayiras: Qondaalli mootummaa biyya alaatii yoo galan guyyoota 14'f addatti tursiifamuu diduun hidhaman

Madda suuraa, Gideon Saburi
Qondaalli mootummaa Keeniyaa dirqama mootummaan 'namni kamiyyu yeroo biyya alaatii deebi'u guyyoota 14'f adda baafamee tursiifamuu qaba' jedhu hojiirra oolchuu diduun hidhaa buhan.
Qondaalli Geediiyoon Saaburii jedhaman kun Bulchaa Ittaanaa Kaawuntii qarqara galaanaa taatee, Kiliifidha.
Mr. Geediiyoon yeroo biyya alaa turanii deebiyan dirqamaan akka bakka addatti bafamuun tursiifamanii erga galanii booda qoratamanii dhibeen Covid-19 irrati argamee ture.
Wallaansa fayyaa hordofaa turuun garuu amma fayyanii bahaniiru.
Qondaalli mootummaa Keeniyaa kun jalqaba bakka addatti baafamuun tursiifamanii akka galan kan gaafataman biyya Jarman keessa naannoo namoonni kumaatamaan koronaavaayirasiittin itti qaban turanii waan deebiyaniif ture.
Haata'u malee, qajeelfama mootummaa guyyoota 14f namni biyya alaatii galu adda baafamee turuu qaba jedhu diduun seera cabsaniif erga fayyaniin booda to'annaa jala olfamaniiru.
Qondaalli kun erga koronaavaayirasiin irratti argameen booda namoota isa waliin tutuqqaa qaban jedhamuun shakkaman 100 gara adda baafamuun keessa turanii galfamaniiru. Kanaanis, lubbuu namootaa balaaf saaxiluu isaatiin himatameera.
Mr. Geediiyoon erga dirqamaan akka bakka adda baafamuun itti tursiifaman galfamanii booda, ''rakkinan namootarratti uumeef baayyeen gadda,'' jechuun gaabbusaanii gaazeexaa tokkotti himanii turan.
Keniyaa keessattis namoota hanga Jimaataatti qorannoon irratti gaggeefame keessaa 122 irratti koronaavaayirasiin argamuun isaa mirkanaa'eera.
Namoonni sababiidhuma kanaan du'an afur yoo ta'an, tokko daa'ima duraan rakkina fayyaa qabu umurii waggaa jahaa ta'uun barameera.
Biyyattiin tatamsa'ina dhukkubichaa to'achuuf jecha tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa kan jirtu yoo ta'u, galgala sa'aatii tokkoo kaasee hanga barii sa'aa 11'tti eenyumtuu akka hin sochooneef dhorkameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















