Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: US 'maaskiin Kaanaadaafi Laatiin Ameerikaatti erguun akka dhaabbatu' barbaaddi
Waarshaan Maaskii Waliigalaa Ameerikaa, dhaabbata 3M jedhamu, mootummaan omisha maaskii N95 gara Kaanaadaafi biyyoota Laatiin Ameeriikaatti ergu akka dhaabuuf gaafatamuu beeksise.
Warshichi 'Adeemsi kunis dhimmaa namoomaa olaanaa qabaata'' jechuun kan akkeekkachiisee yoo ta'u, biyyoonni kaanis akka haala akkasii raawwataniif kan kaa'uudha jedhera.
Guyyaa Kamiisaa, 3M, akka maaskiiwwan dabalataa dhiyeessu gaafachuuf Tiraamp Seera Omisha Raayyaa kan bara Waraana bara-Koriyaa sana caqase turte.
Ministirri Mummee Kaanadaa ammoo maaskiin akka hingalleef dhaabuun 'dogongora' ta'u mala jedhaniiru.
Pirezidaanti Tiraamp osuma baayyee waa'ee dhimmicha gadi fageenyaa hindubatiin seera bara 1950 caqasuun akka maaskii dabalaa omishuuf 3M dubbiin xuqan.
Dhaabbatis omisha keenyaan akka Ejjansii Bulchiinsa Attattama federaalaatiif dursa kennamamuuf motummaan seera kan kan eeree jedheera.
Haata'u malee, 3M dhaabbatichi itti dabaluun omisha gara Kaanaadaafi Laatiin Ameerikaatti ergaa jiru akka dhaabuuf gaafatamuu himeera.
''Omishaalee hojjattoota fayyaa kanneen Kaanaadaafi Laatiin Ameerikaa irraa dhaabuun ammoo dhiibbaa namoomaa olaanaa qabaata, keessattu tibba amma omishaaleen kunneen baayyinaan barbaadamaa jiran kannatti,'' jedheera dhaabbanni omishaa kun.
Kana malees, biyyoonni biraas akka duubatti deebi'uun tarkaanfii walfakkaataa fudhatan kakaasuu mala jechuunis sodaa qabu ibseera. Kunis mataansaa Ameerikaa keessatti hirrinni omishaalee kanneen akka umamaniif madda ta'uu malas jedheera.
Dhaabbanni kunis ji'a tokkotti maaskiiwwan N95 miliyoona 100 akka omishu himee, harki sadii Ameerikaadhuma keessatti kan omishamu yoo ta'u kaan biyya biraatti kan omishamu ta'u hima.
Bulchiinsi Tiraamp ammoo waa'ee 3M waliin dubbate irratti wanti ballinaan jedhe kan biraa hinjiru.
Garuu ergaa tiwitaraa Tiraamp Kamisa barreeseen '3M maaskiin maal hojjataa akka jiran erga harra agareen booda dhiibbaa olaanaa irraatti taasifneera... Maal gochaa akka turan warra motummaa keessa jiraniif waan ajaa'ibaati.- gatii baasuu qabnu guddaatu jira!'' jechuun himan.
Haaluma walfakkaatunis, HWaayiti Hawusitti Gorsaan daldalaa Pitar Naavaaroo, ''Dhimma mirkanneessu qabnutu jira. 3M omishasaa addunyaa maratti omishu hundi gahaan isaa gara biyyaatti akka deebii'u gochu qabna,'' jedhaniiru.
Kaanaadaan biyya keessatti maaskii kan hinomishne yoo ta'u, Ministiri Mummeen Justin Trundeen ''daladala cufuun ykn dhorkuun dogongora'' ta'a jechuun gaazexessutatti himan.
"Narsoota kumaatamatu Windsor keessa guyyaa guyyaan hojjataa jira. Ameerikaanonnis isaan irratti hirkatu. Gama lamaanu omishaaleen wallaansaafi meeshaan bu'uuraa hedduun socho'aa jira. Ameerikaanis dhimmota kanneen irratti hirkataa jirti,'' jedheera.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras