Bulchiinsa Magaalaa Goondar : Gareen 'seeraan alaa maqaa Faannoon socho'u' meeshaa akka hiikkatu akeekkachiise

Bulchiinsi magaalaa Goondar humna nageenyaa naannichaafi poolisii federaalaa ala hidhatanii qaamoleen magaalicha keessatti socho'an akka hin obsine ibsuun A.L.I hanga Bitootessa 20'tti hidhannoo isaanii hiikanii harka isaanii mootummaatti akka kennan gaafate.
Xumura torban darbe magaalaa Goondar keessa dhukaasni akka ture miidiyaalee hawaasummaa irratti ibsamaa ture. Yeroos BBC'n waan dhalate hubachuuf yaaliin taasise hin milkoofne ture.
Dhukkaasni torban darbee hidhattoota mootummaafi garee hidhateefi ''Faannoo'' jedhame gidduu akka ta'e rogeeyyiin ibsaa turan.
Dhimma rakkooo nageenyaa magaalattii keessa uumame sababeeffachuun bulchiinsi magaalichaa ibsa har'a kenneen torban darbe garee ''seeraan alaatu' hidhattoota mootummaa irratti dhukaasa bane jedheera.
Sababa kanaanis, lubbuun namaa darbuufi miidhaan dhaqqabuu ibseera.
Yakka maaliin himatame?
''Magaalicha keessa kaayyoo Faannoon ala seeraan ala gurmaa'ee gareen socho'aa jiru wantoota seeraan alaa hedduu dalagaa jira,'' jedha ibsi bahe.
''Gareen kuni hidhateefi gurmaa'ee magaalaa keessa socho'a, keellaa cabsee magaalaadhaa ni baha ni seena, nama ukkaamsa, ajjeechaa raawwata, sanyii fo'ee mana namaa kaampii godhata, dureessota irraa dirqiin qarshii sassaaba, lafa magaalaa humnaan qabatee mana ijaara,'' jechuun garee kana himata.
Dabalataanis, gareen kuni shakkamaa harka poolisii jala jiru mana hidhaa cabsee akka hiiksisu, buufata poolisii irraa meeshaa akka saamu, reeffa duuba goruun magaalaa Goondar dhukaasaan akka jeequufi manneen tajaajila kennan seenuun fayyadamee akka kanfalu didu eera.
Bulchiinsi magaalichaa gareen seeraa ala jedhe ibsu kuni namoota beekamoo gareedhaan hundeessee, meeshaa gareedhaan qabamu hidhatee dhaabbilee mootummaafi waajjira paartilee itti naanna'uun akka doorsisu eera.
Magaalichi ibsa baaseen gareen kuni wanta kanarraa of qabee jireenya isaa idileetti akka deebi'u waamicha dhihesseera.
Akeekkachiisa kenname
Akka furmaataattis kanneen himataman keessaa kan ulaagaa guutan humna nageenyaa naannichaa keessa akka seenan, kanniin hojii hin qabne liqii fi bakka hojii akka argatan, kanneen qonnarratti hirmaachuu fedhanif lafni qonnaa akka kennamuufi kanneen hojii qaban immoo hojii isaanitti akka deebi'an gaafata.
Haata'u malee, gareen 'seeraan ala' jechuun magaalichi waame kuni akka furmaatatti isa kaa'amen kan walii galu yoo hin taane garuu motummaan seera kabachiisuuf akka dirqamu ibsa.
Magaalichatti hanga mootummaan bu'uura seeraa qabu jiraatetti karaa seeraan alaa hidhateefi gurmaa'aanii hanga meeshaa gareedhaan itti dhimma bahan qabatanifi kaampii tolfatanii socho'uun akka hin danda'amne ibsi bahe eera.
''Gareen kamuu gareedhaanis ta'e dhuunfaan hidhatee socho'uun dhorkaadha,'' jedheera.
Akka bulchiinsa magaalaa Goondaritti gareen kuni A.L.I Hanga Bitootessa bultii 20'tti harka mootummaatti akka kennu dhaamun kanaan ala humnoonni nageenyaa tarkaanfii seeratti dhiheessuu ni raawwatu jedheera.
Kanaafis, ''ummanni nu waliin akka dhaabbatu waamicha dabarsineerra,'' jedheera.
















