Keniyaatti namoota Koronaavaayirasiin qabaman 16 gahuun ibsame

Oggeessoota fayyaa hojiirra
Maxxanfame

Keeniyaan namoota 8 Dilbata COVID -19 qabamuu isaanii mirkaneesitetti dabalataan Wiixata namni tokko qabamuu isaa beeksiifte.

Kunis lakkoofsa waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamanii 16'niin gahee jira.

Biyyattiin namoota 600 warra vaayirasichaan qabaman waliin qunnamtii qabaachaa turan adda baastee hordofaa jirti.

Haa ta'u malee namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee keessaa lama namoota hedduu waliin wal tuttuquun isaanii yaaddoo uumeera.

Tokko luba Italii Room irraa erga dhufeen booda Naayiroobii keessaa bahee maatii isaafi namoota hedduu walitti qabaman waliin qunnamtii qabaachaa turedha.

Kan lammataa ammoo aanga'aa mootummaa olaanaa erga biyya Jarmanii deebi'ee booda qajeelfama adda of baasu jedhu cabsee waahillan hojii fi hawaasa waliin qunnamtii qabaachaa turedha.

Aanga'aan kun humnaan adda baafamee kan jiru yoo ta'u, ni himatamas jedhamee eegama.

Akka ibsa qondaaltota fayyaa biyyattiin Dilbata galgala kennameetti, namoota haaraa 8 amma adda baafaman keessaa 5 lammiilee Keeniyaa yoo ta'an, kan hafan 3 ammoo lammiilee biyya biraati jedhame.

Namoonni koronaavaayirasiin amma irratti argame kunneenis umuriin isaanii waggaa 20 hanga 57 jidduutti kan argamu yoo ta'u, hundi isaanii biyyoota biraa irraa karaa buufata xiyyaaraa biyyattiin Bitooteessa 4 fi 17'tti biyya keessa kan galaniidha jedhameera.

Kana malees, namoonni jara kanneen waliin wali arganiiru jedhamanii namoonni shakkaman 363 adda baafamuun isaanis himame.

Kanumaan walqabatees, biyyattiin Roobii Bitooteessa 25 irraa kaasee kaargoo malee balaliinsi idil-addunyaa hundi akka dhaabbatu murteessiteetti.

Hawaasni ammoo of eegannoofi gorsa oggeessootaan kennamu hojiirra olchuuf tatamsa'ina vaayirasii kanaa hir'isuu keessatti gaheesaa akka bahuuf waamichi taasifameefiira.

Koroonaavaayiras