Keeni Roojars : Weellisaan beekamaa umrii 81'tti lubbuun isaa darbe

Keeni Roojars

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keeni Roojars koppii walleewwan miiliyoona 100 ol gurugure
Maxxanfame

Weellisaan beekamaa Ameerikaa Keeni Roojars umrii 81'tti lubbuun darbe.

Bakka bu'aan maatii weellisaa kanaa ''nagumaan mana isaatti du'aan boqote'' jechuun ibsan.

Roojars walleewwan 'poop akkasumas 'kaantirii muusik' jedhaman bara 1970 fi 1980 keessa weellisuun badhaasa Giraamii 3 fudhachuu danda'eera.

Sagalee isaa furdaafi bareedaan kan beekamu Roojars waggoota 60 olif weellisaa ture.

Yeroo tokko walleen isaa ''waan dhiirri kamuu jechuu barbaaduufi dubartiin kamuu dhagahu feetu'' waan ta'ef beekkamtii guddaa argachuu isaa dubbateera.

Weellisaan hammana beekkamtii guddaa argateefi boodarra baandii kaanis hundeesse kuni garuu Hiwuustan Teksaasitti hiyyummaa keessatti guddate.

Seenaa Ameerikaa keessatti weellistoota albama hedduu gurguratan keessaa Keeni Roojars sadarkaa 10ffaa qabateera.

Yeroo turtii isaas Dooli Paartaniifi Wiili Neelsan waliin ta'unis weelliseera.

Keeni Roojarsiifi Dooli Paartan bara 2010

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keeni Roojarsiifi Dooli Paartan bara 2010

Hojii isaa kanaafis badhaasawwan hedduu argate.

Ibsa baasaniin maatiin isaa ''muuziqaa Ameerikaa keessatti seenaa baduu hin dandeenye kaa'ee darbe'' jechuun ibsaniiru.

Keeni Roojars bara jireenya isaa mana nyaataafi biznasii gara garaa keessattis hirmaateera.

Fiilmiifi shoowii Tv gara garaa keessattillee qooda fudhateera. Turtii BBC waliin bara 2013'tti taasiseen teenisii guddaa akka jaalatu ibsee ture.

Keeni Roojars si'a shan bultii kan ijaarrate yoo ta'u ijoollee shan godhateera.