Satoshii Uematsu: Lammiin Jaappaan namoota hir'ina qaamaa qaban 19 ajjeese irratti murteen du'aa darbe

Maxxanfame

Namni lammii Jaappaan ta'e tokko bara 2016 keessa mana kuunuunsaa keessatti namoota hir'ina qaamaa qaban 19 waraanee ajjeesuu isaatiif du'aan akka adabamu itti murtaa'e.

Namni maqaan isaa Satoshi Uematsu jedhamu kun akka jedhetti namoonni hir'ina qaamaa qabaniifi namoota waliin waliigaluu hin dandeenye mirgoota namoomaa hin qaban.

Namni umuriin isaa ganna 30 ta'e kun dhaabbata kunuunsa magaalaa Tookiyaattii dhiyootti argamu keessa hojjetaa ture.

Taateen kun seenaa Jaappaan keessatti ajjeechaa jumlaa hamaa biyya yakki keessatti hin heddummaanne kana keessatti namoota jabduu rifaasise.

Yakkamaan kun gaaffiifi deebii gaazexaa Jaappaan Mainichi Shimbun jedhamu waliin taasiseen namoonni hir'ina sammuu qaban "sababiin jiraachuu qabaniif hin jiru" jechuun "hawaasa kootiif oolmaa ooluuf jedheen kana raawwadhe" jedhee ture.

Manni Murtii Kutaa Yokohaamaa Wixata darbe akka fannifamee ajjeeffamuuf itti murteesseera.

Namichi duuti ittimurtaa'e kun murtee isa irratti murtaa'u kamiifiyyu ol iyyannoo akka hin gaafatne dubbateera.

Jalqaba waggaa kanaa yeroo mana murtiitti dhiyaatee ture, namoota sana waraanee ajjesuu isaa hin mormine.

Gareen abokaatoo isaa faccee ittisaa isaa garuu isaa sammuun isaa nagaa miti jechuun yakkamaa miti jechuun iyyatan. Yeroo yakka sana raawwatutti namni kun dhiibbaa qoricha sammuu namaa adoochuu keessa ture jedhan.

"Maariwaanaa fudhachuudhaan dhukkuba sammuu hamaa keessa ture," jedhe abokaatoon isaa tokko.

"Haallli sammuun isaa keessa ture rakkisaa waan tureef sadarkaa itti-gaafatamummaa fudhachuu qaburra hin turre."

Namichi kun erga haleellaa sana raawwateen boodas dhiiga isaa keessattis mariwaanaan argameera.

Abbootiin alangaa garuu namichi sammuun isaa fayyaa waan tureef yakka hamaa inni raawwate "gara jabina hamaa dhala namaaf hin malledha" jechuun nama nama akkasiif "haraarri hin jiru" jedhan.

Haleellaan namichi raawwate sun Jaappaan keessatti namoonni hir'ina qaamaa qaban akkamitti akka qabaman gaaffii guddaa kaaseera.

Eenyummaan namoota ajjeefamanii maatii isaaniitiin harki caalaan ifa hin godhamne, sababiin isaas maatii hir'ina qaamaa qabu qabaatu jedhamanii waan quba itti qabamuuf ifa gochuu akka hin dandeenye gabaafame.

Osoo adeemsi mana murtichaa hin jalqabiin dura garuu, warra ajjeefaman keessaa haati intala umuriin ishee ganna 19 taate maqaan ishee jalqabaa Mihoo akka taate ifa gootee turte.

"Adabbiin cimaadha jedhame namicha kanaaf ni xiqqaata," jettee haati intala sanaa. "Ani gonkumaa dhiifama hin godhuuf," jette.

"Intalakoo jallatamtuu deebisii naaf fidi maaloo... ati garuu ammayyu jiraataa jirta. Kun sirrii miti. Kun dogogoradha. Adabbiin cimaan akka yakkamaa kana irratti fudhatamun barbaada," jette.

Yeroo haleellaa sanatti maaltu ture?

Adoolessa 26, 2016 namichi ajjechaa raawwate kun billaa hedduu gara dhaabbata kunuunsa namoota hir'ina qaamaa qabaniitti fiige seene.

Gara gamoo namoonni miidhamanii foddaa cabsuun erga seenee booda bakka isaan rafaa jiranitti tokko tokkoon isaan miidha akka abbootiin alangaa jedhanitti.

Namoonni ajjeefaman 19 umurii waggaa 19fi 70 gidduutti akka argaman burqaan oduu Jaappaan Kydod jedhamu gabaasee ture. Namoonni biroon 25 kan madaa'an yoo ta'u isaan keessaa 20 haala hamaa ta'een ture kan miidhaman.

Haleellaa kana erga qaqqabsiiseen booda yakkamaan kun poolisiitti harka kennate.

Dhaabbanni kunuunsaa kun namoonni 150 kan keessa jirran yoo ta'u yeroo haleellaan raawwatamu sanatti hojjetoota sagaltu keessa ture.

Boodarra akka bira ga'ametti, osoo haleellaa hin qaqqabsiisiin ji'oota muraasa dura yoo isaaf hayyamameef namoota hir'ina qaamaa qaban 470 haala hamaa ta'een ajjeesuu akka fedhu paarlaamaa Jaappaaniif xalayaa barreessee ture.

"Ani Jappaan biyya namni hir'ina qaamaa qabu taa'ee nama rakkisu keessatti maqsuun danda'mu akka taatun barbaada," jedhe.

Yeroo sanatti gara hospitaalaa geeffamee torban lamaa booda garuu gadhiifame. Erga to'annoo jala oolfamees, gaabbii tokkollees hin agarsiifne.