Koronaavaayirasii: Keeniyaan tarkaanfiiwwan weerara dhibee kanaa ittisuuf fudhatamuu qabu jettu labsite

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Keeniyaa namoonni biyyoota koronaavaayirasiin keessatti argamuun gabaafame kamiyyuu irraa dhufan akka biyyashee hin seenne dhorkite.
Pirezidaantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataa haasaa kaleessa waaree booda taasisaniin akka jedhaniitti, manneen barnootaa hundi akka cufanmaniifis ajaja dabarsan.
Keeniyaan biyya isheetti namni koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e tokko argamu Jimaata kan beeksifte yoo ta'u, Dilbata ammoo namoonni lama kan biroon koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'uu ibsameera.
Walumaagalatti erga lakkoofsi namoota koronaavaayirasii kanaan qabaman sadii gahuun mirkanaa'ee booda motummaan Keeniyaa murteewwan gurguddaa dhukkubichi akka hin tatamsaan ni gargaaru jedhan dabarseera.
Haaluma kanaanis lammiilee biyyattiifi kanneen biyyattii keessa jiraachuuf waraqaa jireenyaa qabaniin alatti imaltoonni biyyoota vaayirasichi keessatti argamuun mirkaneeffame kamirraayyu dhufan biyyattii akka hin gallee jedhan.
Lammileen Keeniyaafi warri hayyama jireenyaa qaban yeroo biyya alaarraa dhufan ammoo guyyoota 14'f akka qofaatti adda of baasuun turan waamicha dabarsaniiru Pirezidaanti Uhuruun.
Wiixata irraa kaasee manneen barnootaa kan cufaman yoo ta'u, manneen murtii biyyattiis torbanoota lamaan dhufaniif dhadachi kamiyyuu akka hin jiraanne ibsameera.
Akkasumas, namoonni qaamaan akka walitti hin dhiyaanne hir'isuuf jecha lammileen bakka namoonni itti baayyatan dhaquu akka dhaabaniif lammiileef waamicha taasisaniiru.
Kanaafuu sochiiwwan akka waldaa amantaa, sirna cidhaa, awwalchaafi geejiba ummataafi bakkeewwan akka hospitaalaa irraa akka of qusataniif lammiilee gaafatan.
Kana malees, tutuqqaa karaa maallaqaatiin jiru hirrisuuf jechas dadabarsa maallaaqaa karaa mobaayilaafi kaardii qofaan akka gargaaramaniif lammiilee gaafatan pirezidaanti Uhuruun.
Namoonni guyyoota 14 darban keessa gara Keeniyaa seenan hundi ofiin akka of addda baasuun turaniif kan gaafatan Mr Uhuruun, yoo kanneen dirqamaan qaamaan argamuu qabaniin alatti waajiraaleen motummaa, daldalaafi kampaanonni mana taa'anii akka hojjataniif waamicha taasisan.

- Biyyoonni Awurooppaa koronaavaayiras ittisuuf dhorkaawwan jajjaboo kaa'aa jiru
- Bu'aan qorannoo Pireezidant Tiraamp ifa godhame
- Namni jalqabaa Koronaavaayirasii qabame Itoophiyaa keessatti argame
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
















