Haleellaan haaloo bahuu Ameerikaa hidhattoota Iraan jaha ajjeese

Loltoota Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Yunaayitid Isteet milishoota Iraaniin deeggaramaniifi Iraaq keessatti argaman irratti haaloo bahuf haleellaa bante.

Kuni kan ta'e rokkeetiin isaa biraa darbatame jedhame buufata waraanaa Tajji jedhamutti loltoota ishee lamaafi lotuu Biriiteen tokko ajjeese jennaani.

Akka Raayyaan Ittisaa Ameerikaa ibsetti bakkeewwan Ameerikaan haleellaa itti raawwataa jirtu kuni kuni bakkee kuufama waraanaa hidhattootaa shan irrattidha.

Ibsa Ministeerri Ittisaa Ameerikaa kamisa galgala baasen kuusaa waraanaa Qaxayib Hezbollaah irratti haleellaan taasifamaa jira.

''Bakkeewwan kuni kuusaa meeshaa waraanaa Ameerikaafi loltoota ergamaaf Iraaq jiran irratti dhukaasuuf oolan,'' hammata jedha ibsi bahe.

Haleellaan kuni ofirraa ittisuuf kan taasifamaa jiruufi dhukaasa milishoota Shiyaa Iraaniin deeggaraman irraa dhukaafameef akka deebitti kan taasifamudha jechuun ibsa.

Ameerikaan haleellaa irratti raawwatuf milishoota kanneen yeroo himattu kuni kan duraa miti.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Maark Espeer ''lubbuu humnoota nageenyaa keenya eeguuf tarkanfii kamuu ni fudhanna,'' jechuun himan.

Xiinxalaan Ittisaa Jonaataan Maarkas addunyaan dhimma koronaavaayirasii dhimma ijoo isaa godhatus Ameerikaafi Iraan Iraaq keessa lola hin dhaabne jedhan.

Ameerikaafi Iraan maaliif wal dhabu?

Ameerikaafi Iraan duruu wal hin galan.

Waggaa darbe namoota waraanaafi nagaa Ameerikaa Iraaq keessa jiran irratti hidhattoonni Iraaniin deeggaraman haleellaa erga raawwatan booda garuu hammaateera.

Mudde darbe haleellaa rokkeetiin buufata waraanaa Iraaq jiru irratti raawwaten lubbuun kontiraaktara Ameerikaa darbeera.

Kanaaf immoo Ameerikaan garee milishaa cimaa Qaxayib Hezbollaah jedhamu himachuun haleellaa raawwatteen Iraaqiifi Sooriyaa keessatti hidhattoota 25 ajjeefte.

Ergasii boodammoo Imbaasiin Ameerikaa Baagidaad jiru irratti kanneen hiriira mormii bahan haleellaa raawwatan.

Yoona kana Pirezidant Tiraamp Iraan akeekkachiisuun ''gatii guddaa si kanfalchiisa'' jechuun himan.

Kanaanis Ameerikaan nama Iraanitti aangoo guddicha lammaffaa qabu jedhamaniifi guddaa kabajaman Janaraal Qaasim Sulimaanii ajjeefte.

Kuni ta'e guyyoota shan boodammoo Iraan misaa'ela baalistikii buufata waraanaa waraanni Ameerikaa keessa jiru irratti darbatte. Kanaan, kan du'an hin jiran garuu kan miidhaman turani.

Kana booda, Iraan Ameerikaa Iraaq keessa baasuuf akka hojjettu dhaadatte.