Paartiin siyaasaa warra digirii qaban qofa miseensa godhachuuf ture yaada jijjiire

Maxxanfame

Erga hundaa'e ji'a shan kan ta'e Paartiin Tarkaanfataa Itoophiyaa [Taraamaaji] jedhamu jalqaba irratti miseensummaaf kanneen digiriifi isaa ol qaban malee kan biraa hin galmeessu jedhee ture.

Paartiin kuni tibbana Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti ''sanadnii mallattoo walitti qabe humnoota nagaan naduraa fudhatame'' jechuun ibseera.

Hoggantoota filannoo bara 1997 keessa kanneen mul'atan, akkasumas dargaggoonni Paartii Sochii Biyyaalessaa Itoophiyaa keessa qooda qaban paartii kana keessa jiru.

Dhimmoota kanaafi kaan iratti walitti qabaa itti aanaa paartichaa Obbo Andu'aalam Bawuqatuu Gadaa waliin turtii taasisneerra.

Sanadni mallattoo irratti walitti qabdan akkamin bade?

Obbo Andu'aalam: Magaalaa Ambootti malattoon namoota 538 walitti qabne Poolisii Federaalaan qabame.

Magaalaa Adaamaatti immoo dubartoota mallattoo walitti nuuf qabaa turan jalaa namoota paartii biyya bulchu deeggarra jedhaniin nu jalaa fudhatame.

Naannoo Kibbaa Buttaa Jiraati immoo hogganaa waajjira bulchiinsa magaalaa ta'etu waraqaa mallattoo namoota 69 qabu kan nu duraa fudhate. Dhimma kana Boordii Filannootti iyyanneerra.

Bakkee biraatti rakkoon akkanaa isin hin qunnamne?

Obbo Andu'aalam: Mallattoo hedduu kan walitti qabne Walloottidha. Achitti rakkoon nu qunname hin jiru. Sababa kanaan, qindeessitoonni keenya yeroo ammaa dhoksaan mallattoo walitti qabaa jiru.

Paartiin Tarkaanfataa kan jedhamu jiraayi kan jedhan jiraachuu malu. Eenyu deeggaraan keessan?

Obbo Andu'aalam: Deeggaraan keenya ummata tokkummaa Itoophiyaa leellisudha. Paartii biraa keessayyuu yeroo turre sabummaa Itoophiyummaa leellisuun beekamna.

Isa mallattoon nu jalaa fudhatame jettan kana xiyyeeffannoo argachuuf akka tarsiimoo akka fayyadamtanitti kan shakkan jiru.

Obbo Andu'aalam: Kuni paartiin keenya xiyyeeffannoo argachuuf jecha tooftaawwan kaa'e keessa hin jiru.

Yeroo ammaatti poolisii federaalaa himachuun itti gaafatamummaa hordofsiisuu mala.

Adeemsa akkanaa waan hordofnu miti. Wanta akkanaa hin yaallu.

Paartii Sochii Biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa maaliif bahuu barbaaddan?

Obbo Andu'aalam: Wanti dhaaba sana hundeessineefi yeroos balaarra ture wanta jenne ittisuufi. Yeroos sabummaan Oromoos ta'e Amaaraa cimaa ta'ee ture.

Kanaaf garee Itoophiyummaa faarsu hundeessuun barbaachisa jennee itti seenne.

Waggaa lamaafi walakkaa dura Itoophiyummaan haala sodaachisaa ta'en yeroo itti kufe ture. Amma garuu lubbuu horaa jira. Kanaaf, kana itti fufsiisuuf yaadneeti.

Amaarummaan yookiin Oromummaan hin jiru hin jiru jennee akkatti nuti deemne siriridha jennee amannuus amma yeroo isaa miti jennee akka cee'umsaatti yaada tarkanfataa filanne.

Kana jechuun garuu Itoophiyummaa ni gatna jechuu miti.

Kana dura adeemsi Itoophiyaan tokkodha jedhu jira ture. Inni waan nama baasu miti gara fuulduraatti irra gahama.

Gaaffiiwwan muslimotaa, Oromoo, akkasumas Mana Lubummaa Oromiyaa kanneen hundeessina jedhan dhaggeeffachuun barbaachisa.

Tarkaanfataan adda ta'e kan akkamiiti?

Obbo Andu'aalam: Amma gaaffileef karaadhuma tokkoon deebiin kan kennamaa jiru. Deebiin kan dhibe akkatti gaaffilee ilaallu rakkoo waan godhateef natti fakkaata.

Tarkaanfataa ta'un gaaffiilee kana fudhachuu jechuu miti. Gaaffile dhagahuuf eeyyamamaa ta'uufi walitti dhihaatanii hojjechuudha.

Adeemsi keenya gareewwan gaaffilee garaa garaa kaasan walitti dhiheessuun kan deemuufi galma isaa Itoophiyummaa kan godhatedha.

Adeemsi keessan garuu waan isin baasu isinitti fakkaataa?

Obbo Andu'aalam: Hin fakkaatu garuu egaa qabsootti jirra. Yaadni keenya ummata baay'eefi ammatti sagaleen isaa dhagahamaa hin jirre bira jira jennee amanna.

Namoonni miidiyaa hawaasaarra osoo itti fufte siin jedhan hin jiranii?

Obbo Andu'aalam: Dhugaadha. Kan anatti dhihoo ta'e hog barruudha. Siyaasa itti dhiibameen keessa seene.

Jarreen akka ABIN fi Jawaar wanta qabaniin fayyadamanii waan fedhan hojjechuuf yeroo hojjetanitti ani taa'ee barreeffamaan mootummaa qeequun sirriidha jedhee hin amanne.

Eessatti dorgomtu?

Obbo Andu'aalam: Naannoo Amaaraa, Somaalee, Oromiyaa, Kibbaafi Finfinneetti ni dorgomna.

Paartiin Tarkaanfataa Itoophiyaa kan dargaggootaatii?

Obbo Andu'aalam: Dargaggoonni baay'atu garuu kanneen muuxannoo qabanis keessa jiru. Jalqaba yeroo eegallu adda taana jennee digiriifi isaa ol kanneen qaban ture miseensa kan taasisne.

Sagantaa hundeeffamaa yeroo taasifne namoonni 250 argamanii kan turan yoo ta'u isa keessaa 230 dargaggoota turani.

Kanneen keessaa 20 kan ta'an digirii lammaffaafi isaa ol kan qabanidha. Osoo koollejii hundeessitan wayya jedhamee qoosamee ture. Isaan itti fufun wanta hin danda'amneef nama hunda hirmaachisaa jirra.

Filannoo booda ulaagaa kanaan waan itti fuftanidhaa?

Obbo Andu'aalam: Eeyyee nuti wanti uumuu barbaanne paartii filannoo miti.

Suuta jennee garee qorannoo hundeessinee paartii mootummaa tarsiimoodhaan morkatu uumuu barbaanne. Filannoo baranaan teessuma 10 osoo arganne rakkoo hin qabu.

Ulfaadhu Andu'aalam

Ulfaadhaa isinis.