Barattoonni Chaayinaa haala yaaddessaa keessa jirra jedhani MM xalayaa barreessan

Maxxanfame

Barattoonni Itoophiyaa magaalaa Wuhaan kan yeroo jalqabaatiif Koronaavaayirasiin keessatti mul'ate 'biyya keenyatti yaa deebinu' jechuudhaan Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiif xalayaa barreessuu isaanii Pirezedaantiin barattootaa Zaaraa Abdulaahii BBCtti himte.

Barattoonni Itoophiyaa Chaayinaa, Wuhaan jiran kun xalayaa 'biyya keenyatti nu deebisaa' jedhu Ministira Muummeen alattis Ministeera Fayyaaf barreessaniiru.

Barattoonni kunneen Imbaasii Itoophiyaa magaalaa guddoo Chaayinaa Beejingitti argamuttis biyya keenyatti nu deebisaa jechuun gaaffii dhiyeeffachuu isaanii torban darbe gabaasuun keenya ni yaadatama.

Sababii weerara vaayirasichaatiinis mootummaan Chaayinaa gara magaalaa Wuhaanitti seenuus ta'e bahuun kan dhorke yommuu ta'u, barattoonniItoophiyaa kunneen garuu haalli ittiin gara biyyaatti deebiyan akka mijeeffamuuf qabu gaafataniiru.

Waraqaa gaafannoo tokkoo tokkoo barattootaaf ramsamee tureen biyyatti deebiyuu akka barbaadan hubanneerra jette Pirezedaantiin barattootaa kun.

Mootummaan Chaayinaa wantota barbaachisan dhiyeessaaf kan jiru ta'ullee barattoonni kunneen rakkoo qoor-qalbii hamaa keessa waan jiraniif ministira muummmichaatiif xalayaa barreessuuf dirqamaniiru jetti Zaaraan.

Barattuun akka maqaan ishee hin eeramne kan barbaadduufi doktorummaa Yunvarsiitii Waajoongiti barachaa kan jiru akka jettutti yunvarsiitii keessa waan jiraattuuf nyaanni dhiyaachaaf jiraatullee baatii tokkoof kutaa tokko keessa karriifi foddaan cufamee "vaayirasichaan qabamemoo hin qabamne," kan jedhuun yaaddoo hamaa keessa akka jirtu BBC'tti himteetti.

"Nyaata guyyaatti si'a sadii dhufu keessaa isa kamirraa vaayirasichi na qaba jedheen hedduu dhiphadha.

Sababiin isaas vaayirasii waan ta'eef ijaan ilaalee irraa hin haxaawwadhu. Yeroon natti ho'ee foddaa banadhus nan sodaadha," jetti.

Sababii rakkoo xiinsamuu weerarri vaayirasuu kun uumeen barattoonni hiriyyoota itti dhiyaatan waliin walii galuu dadhabuurra ga'an jiraachuu kan ibsitu Pirezedaantiin barattootaa Zaaraan, "barattoonni sadarkaa guyyaa abjuun weeraruurra ga'aniiru," jetti.

Akka Zaraan jettutti rakkoon qoor-qalbii barattoonni tokko tokko irra jiran hanga sadarkaa wallaansa fayyaa isaan barbaachisuurra ga'eera waan ta'eef aanga'oota Yunivarsiitichaa dubbisuunillee dirqama nutti ta'eera.

Barataan digirii waggaa tokkoffaa waan hiriyaa isaaa waliin mana tokko keessa jiraatu mudate yeroo ibsu rakkoon qoor-qalii isaanirra ga'e haalaan hammaataa ta'uu agarsiisa.

"Wantan torban kana irratti arge hiriyyaa koo kanan waliin jiraataa ture natti fakkaachuu dideera. Wanti isaa hedduu waan na yaachiseef Yunivarsiitichaatti beeksifneerra," jedhe barataan kun.

Keessumaa ammoo guyyoota afur dura barattuun Kaazaakistaan tokko ergavaayirasiitiin qabamuun ishee baramee ammoo barattoota hedduu akka yaaddesse barataan kun ni dubbata.

Gamtaan barattootaa Wuhaan kun xalataa ministira muummeefi ministeera fayyaatiif kan erge dheengadda yommuu ta'u, xalayaan isaanii qaqqabuu isaa ammoo ministera fayyaa irraa mirkaneeffachuu Pirezedaantiin Gamtaa Barattootaa Zaaraan ibsiteetti.

Kan ministira muummeetti ergames mirkaneeffannoon ergamuuf baatullee garuu akka qaqqabeeru karaa biraa hubachuu dubbatti.

Xalayaafi gaaffii barattootaa ilaalchisee ministeera fayyaafi kan adda durummaatiin dhimma dhibee kanaa hordofaa jiru Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa irraa deebii argachuuf yaalii BBCn taasise hin milkoofne.

Erga weerarri vaayirasii kun uumameen booda barattoonni Itoophiyaa Chaayinaatti argaman gara biyya isaaniitti deebiyuuf irra deddeebiin mootummaa gaafatanis duraan dursinee qophii qabaachuun niurra jiraata jechuun deebiin kennamuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ifatti beekamuu baatulleen deebiin mootummaatiin kenname bakka barattoota kana addatti tursiisuun danda'amu hin jiru kan jedhu akka ta'e Zaaraan ni ibsiti.

Barattoonni kunneen mootummaan gara biyya isaaniitti isaan deebisee bakka addatti baasuun wallaansi kennamu keessa tursiisuus ta'e gaaffileen barbaachisan biroo isaanirra eegamu akka ba'achuuf qophii ta'uu isaaniillee xalayaa isaaniirratti ibsaniiru.

Barattoonni kunneen BBC'tti akka himanitti wantota isaaniif barbaachisu akka guutamuuf jecha mootummaa irraa tokkoo tokkoo isaaniitiif Dolaarri 400 dheengadda kennameeraaf.