Samsung ergaan akeekkachiisa fakkaatu akkamiin akka namootatti ergame ibse

Asxaa Samsung
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dhaabbati samsung ergaa akeekkachiisa of eeggannoo fakkaatu bilbila namootaarratti dogoggoraan erguusaaf dhiifama gaafate.

Dhaabbatichi dogoggoraan ergaa hiiki isaa hin beekamnee fi of eeggannoof waan ergame fakkaatu bilbiloota samsung kumaatamaan lakkaa'an irratti erguusaa mirkaneesseera.

Ergaan namoota qaqqabaa ture 'Find My Mobile' kan jedhu yoo ta'u halkan keessaa sa'atii walfakkaataatti namoota hedduu qaqqabe.

Namoota hedduun ergaan kun akka hirriba keessaa isaan kaase ibsan, kaan ammoo bilbilli keenya butameera jechuun yaaddoo qaban ibsaa turan.

Waan mudate kanaafis samsung komatan.

Samsung ibsa kenneen ergaan kun itti yaadamee osoo hin taanee osoo hin beekin bilbilootaa fi oomishaalee samsung'tti ergame jedhe.

Erga taateen kun mudatee namoonni hedduun oduu kana miidiyaa hawaasummaarra tamsaasaniiru, kaan ammoo marsariitii Oduu 'Reddit' jedhamurratti fe'aniiru.

Hedduun isaanii ergaa kana suuraa kaasuun miidiyaa hawaasummaarratti maxxansaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Ergaan kun bilbiloota samsung 'Galaxy S' jedhamanii fi kompiitaroota qaqqabe.

Ergaan kun hiika kan hin qabnee fi dhiibbaa tokkollee akka hin qaqqabsiifne samsung ibseera.

Ergaa Samsung
Ibsa waa'ee suuraa, Ergaan kun namoota meeshaalee elektirooniksii Samsung fayyadaman hedduu qaqqabe

Akka samsung jedhutti ergaan kun utuu hojii keessoo kaampaanichaa hojjetanii akka tasaa ergame.

Namoonni ergaan kun isaan ga'es bilbiilli isaanii hin miidhamne jedha Samsung.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2