Awustiraaliyaa keessatti taphataan duraanii raagbii 'haala suukanneessaadhaan' maatiisaa fixe

Haannaa, Rowaan Baakistar fi ijoolleesaanii

Madda suuraa, Hannah Baxter / FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Haannaa, Rowaan Baakistar fi ijoolleesaanii
Maxxanfame

Awustiraaliyaa keessatti taphataan duraanii tapha raagbii haadha manaa fi ijoolleesaa sadi erga gubee ajjeesee booda biyyattiin gadda keessa jirti jedhan Ministirri Muummee biyyattii Iskoot Mooriisan.

Poolisiin biyyattii taphataan duraanii raagbii Rowaan Baakistar erga maatiisaa hunda gubee ajjeesee booda of waraanee of ajjeesuusaarratti odeeffannoo ga'aa kennuuf ammallee qorannoorra jira.

Yakki suukanneessaan haadhaa fi ijoolleesheerratti raawwate kun dhiittaa mirga dubartootaa fi daa'immaniiti jedhamuun guutuu biyyattiitti gadda uumeera.

"Lammiileen Awustiraaliyaa rifataniiru. Gaddaniiru akkasumas burjaaja'aniiru. Waanti raawwate nama rifaasisa.'' jedhan Aabba Mooriisan.

Poolisiin magaalaa kuwiinsilaandi har'a ibsa kenneen Abbaa, haadhaa fi ijoollee sadi walumatti namoonni shan du'uu beeksiseera.

Bakka yakki itti raawwate

Madda suuraa, ABC NEWS/ LEXY HAMILTON-SMITH

Poolisiin wayita gara bakka yakki itti raawate deeman ijoolleen sadi konkolaataa keessatti du'anii jiru, haati ammoo lafatti gubataa turte.

Namoonni naannoo sana turan haati kun afuura ishee dhumaan,''Boba'aa narratti dhangalaase, ijoollee kiyya naaf baraaraa.'' jechaa akka turte dubbatan.

Namni umurii waggaa 42 Aab Baakistar akkasaan ishee hin gargaarreef dhorkaa turuus dubbatan.

Isa booda osoma namoonni ilaalanii billaa konkolaataa keessaa luqqisee of qale jedhan.

Lubbu baraartonni wayita namni kun of qaluuf jedhu bakkas ga'aniillee baraaruu hin dandeenye.

Waa'ee maatii...

Haati umurii waggaa 31 Haannaa Baakistar fi Roowaan Baakistar waldhibanii waggaa darbe addaan ba'anii turan.

Ergasii namoonni lameen gargara akka jiraatan godhame ture.

Haannaan ijoolleeshee baay'ee waan jaal'attuuf eegumsa addaa gochaafii turte.

Haannaa Baakistar fi ijoolleeshee

Madda suuraa, CLARKE FAMILY

Haannaan hawaasa keessa jiraattu biratti baay'ee kan jaal'atamtuu fi aggaammii ajjeechaa abbaa manaashee jalaa baraaruuf namoonni akka ishee gargaaraa turan firoonni ishee ni dubbatu.

Rowaan Baakistar Kilabii Raagbii 'New Zealand' keessa ture.

Erga yakki kun raawwatee lammiileen Awustiraaliyaa tuwiitarii irratti mata duree #HannahBaxter jedhuun gadda itti dhagahame ibsachaa jiru.

Quuqamtoonni mirga namoomaa kun hacuucaa fi dhiittaa mirga dubartootaa fi daa'immaniiti jechuun balaaleffatan.

Konkolaataa gubate

Madda suuraa, EPA

Yakki amma raawwate yakkoota suukanneessoo ta'an kanneen dubartootaa fi daa'imman irratti raawwatamaa turan keessaa kan dhiyeenyaati.

BAra 2018 keessa namni haadha manaa, ijoollee sadii fi akkoosaa ajjeese tokko hidhaa umurii guutuun adabameera.

Awustiraaliyaa keessatti torbanitti yoo xiqqaate dubartiin tokko abbaa manaa duraanii yookiin kan amma waliin jirtuun ajjeefamti.