Bilbilli loltoota Israa’eel ergaa warri Hamaas dubartoota fakkaatanii itti erganiin butame

Madda suuraa, Getty Images
Gareen hidhattoota Hamaas dubartoota fakkaatanii ergaa gara lolotoota Israa'eel erguun bilbila loltootaa butuu waraanni Israa'eel beeksise.
Dubbi himaan waraana Israa'eel akka jedhetti, loltoonni Hamaas suuraa dubartoota bareedduu walitti dhufeenya barbaadan fakkaatan itti eergu.
Isaan boodas appi bilbila isaaniirratti fa'uun iccitii bilbilasaanii hunda argatu.
Haa ta'u malee osoo ''miidhaan odeeffannoo cimaan hinqaqabiin'' gochiichi fashalaa'ees jedhaniiru.
Gaazaa to'ateen kan jiruu Haamaasiifi Israa'eel akka diina cimaatti wal ilaalaa jiru.
Yaaliin Haamaas bilbila loltoota Israa'eel keessa galuuf waggoota dhihoo keessa taasisee kunis kan ammaa waliin yeroo sadaffaa ta'u kan dubbatan Letanal Koneel Jonaataan Konrikus, kan ammaa kunis teknolojii cimaa akka ture himan.
''Barataafi sadarkaa xabasaanis ol kaasaa akka jiran hubanneeras,'' jedhan.
Kolaneel Jaanaataan akka jedhaniitti, dubartoota hafaan Hibiruu sirriin hinbeekneefi kanneen dhiheenya gara Israa'el dhufaniin akka waan loltoota waliin walitti dhufeenya barbaadanii fakkaachuun odeeffannoo cabsuuf xiyyeefachuun hojjataa turan.
Afaan wallaaluufi dhiheenyatti gara biyyatti akka dhufan fakkaachuunsaanii ammo miseensota waraanaa biratti akka amanaman isaan taasisuu ogganaan waraanaa kun ni dubbatu.

Madda suuraa, IDF
Erga hiriyyummaan eegalameen booda ammoo 'dubartoonni' suuraa keenya ilaalaa jechuun geessituu itti ergu. Wayita dhugaa se'anii geessituu cuqaasan ammoo appii ittiin bilbila isaanii keessaa odeeffannoo kan akka teessoo, suuraafi quunnamtiiwwan isaanii ittiin hataniitu fe'amuma.
Akkasumas fageenya irra ta'uun beekamtii abbaa bilbilaatiin ala bilbilichatti fayyadamuun suuraa kaasuuf, sagalee ittiin waraabuuf ittiin fayyadamu danda'ama.
Kolaneel Joonaataan akka jedhaniitti, Humni Ittisaa Israa'eel (IDF) karoora kana baatiiwwan baayyeen dura irra kan qaqabame ta'ulleen hanaga qorannoon gahaan taasifamuutti akka itti fufuu taasisuun booda cufuusaanii himan.
Humni ittisaa biyyattii dursaan loltoonni bilbilasaanii wayita fayyadaman ofi eeggannoo akka taasisaniif akkeekachisuun alattis yaalii daataa hatuu irraa ittisuuf qajeelfama baasuu isaa himame.
Israa'eel fi Haamaas walitti bu'iinsa walitti fufaa keessatti kan argaman yoo ta'u, tokko tokkoon isaaniyyuu odeeffannoo waliin funaanuuf jecha walirratti hojjachaa jiru.















