Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchistar Siitiin dorgommii gareewwan Awurooppaaa irraa dhorkame
Maanchister Siitiin Shaampiyoonsi Liigii dabalatee dorgommii kileboota Awurooppaa irraa waggoota lamaaf dhorkame.
Maanchister Siitiin dorgommii kileboota Awurooppaa bara 2021 fi 2022 ala akka tahu kan murtaa'e erga seera ittiin bulmaata Federeeshinii Kubbaa Miilaa Awurooppaa Uefa cabseeti jedhame.
Kilebichi hamma galii ispoonserootaa irraa argataa ture ol kaasee himuu fi madaala maallaqaa ittiin bulmaata federeeshinichaan taa'e kan 'Financial Fair Play' jedhamu cabsuun himatameeti.
Dabalataan Yuuroo miliyoona 30 adabameera. Maanchister Siitiin murtoo irratti darbe kanaaf ol iyyata fudhachuu danda'a.
Qaamni Walaba tahuun maallaqa kilebootaa to'atu garuu qorannoo gaggeessaa tureen Siitiin odeeffannoo dogogoraa bara 2012 hanga 2016 gidduu federeshinii kubba miilaa Awurooppaaf akka kennaa tures eereera.
Himata irratti dhiyaate kana hundaaf deebii kan kenne kilabichi dogogora akka hin hojjennee fi federeeshinichi ofuma isaan jalqabee ofumaan murtoo xumuraa waan kenneef qaama biraatti iyyanna jedheera.
Jalqaba odeeffanno dhoiksaan bahe gaazexaan biyya Jarman maxxansetu gara qorannoo kanaatti akka galamu taasise jedhama. Murtoon kun yoo kanumaan xumurame Maanchister Siitiin waggoota lamaan dhufaniif dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti hin hirmaatu jechuudha.
Miidiyaaleen tokko tokko akka gabasanitti ammoo Siitiin Shaampiyoonsi Liigiin ala kan tahu taanaan leenjisaa isaa Pep Gaardiyoolaa dhabuu danda'a jedhama.
Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan marsaa kanaan gaafa Guraandhala 26 Riyaal Maadirid Saantiyaagoo Beernaboo irratti kan taphatu taha.