Maanchistar taphataa haaraa Chaayinaa irraa mallateessise sodaa koroonaavaayirasiin qofaa tursiise

Maanchister Yuunaayitid taphataa haaraa ji'a Amajjiitti Chaayinaa irraa mallattesise taphattoota kaanitti dabaluu sodaachuun qofaatti tursiise.
Maanchister Yuunaayitid rakkoo sarara fuulduraa irratti qabu furuuf jecha taphataa sarara fuulduraa duraanii Waatfoordi Igaaloo kilaba Chaayinaa irraa mallattesisee ture.
Taphataan internaashinaalaa Naayijeeriyaa Igaaloon Piriimerligii Ingiliz keessatti muuxannoo gaarii qaba jedhameeti Maanchisteriif kan mallatteesse.
Haa tahu malee erga waliigaltee irra gahanii koroonaavaayirasiin Chaayinaa keessatti babal'achuun sodaa waan uumeef ammayyuu dirree shaakalaatti taphattoota kaan waliin osoo walitti hin makamiin akka turu aasisaniiru.
Taphataan ganna 30 kilaba Chaayinaa Shaangaayi irraa ergisaan Maanchisteriif hanga xumura bara dorgommii kanaatti mallatteesse kun qofaatti gidduugala shaakala Teekwaandoo Biyyaalessaatti gahumsa qaamaaf hojjechaa jira.
Erga UH galee guyyoota 11'f achumatti shaakala hojjechaa kan jiru yoo tahu tapha Maanchister Cheelsii waliin Wiixata dhufu gaggeessuuf ni qophaa'as jedhameera.
Akkaataa gorsa ogeessotaan namootni Chaayinaa irraa UK galan qofaatti bakka adda bahetti guyyoota 14'f tursiifamuu qabu.
Chaayinaa keessatti qophaa'aa kan turan dorgommiiwwan hedduunis soda facaatii vaayirasii kana irraa kan ka'e haqamaniiru.















