Ingiriidaa Iskaamiilaa: Meeksikootti erga shamarreen jaalallee isheetiin ajjeefamteen booda dheekamsi ka'e

Artistiin dubartoota dhiirotaan ajjeefaman yaadachuuf kopheewwan halluu burtukaanaa qaban addabaabyii Zokaalootti kaa'e

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Lammiileen Meeksikoo ajjeechaa suukaneessaa shamarree kanaan mufachuu isaanii ibsachaa jiru.

Ingiriidaa Iskaamiilaan shamarree ganna 25 yoo taatu jaalallee ishee waliin jiraatuun erga waraanamtee booda ragaa dhoksuuf jecha qaamnishee akka malee kukkutameera.

Dubartoota qofaa ajjeesuufi ajjeechaan saala irratti hundaa'e Meeksikootti baay'achaa jira. Qorannoo dhiyeenya taasifameen illee namooti 700 du'aniiru.

Kanaanis lakkoofsi dubartoota sababa kanaan ajjeefamnii guddaa dha.

Ragaan biyyattii akka agarsiisutti dubartoonni 3,142 baatii kurnan darban 2019 keessatti ajjeefamaniiru. Kanneen keessaa 726 dhiirotaan kan ajjeefamani dha. Falmattoonnii mirga dubartootaa lakkoofsi kuni xiqqoo dha jedhu.

Ji'a darbellee falmattuun mirga dubartootaa Isaabeellaa Kaabaanilla mormii kaasee ture

Madda suuraa, Reuters

Kana malees rakkoon kanaan wal-qabtee mudatu baayyeen furmaata otoo hin aragatiin achumaan hafa. Namoonni gocha kana raawwatan baayyeenis seeratti hin dhiyaatani jedhu.

Oduun ajjeefamuu shamarree kanaa Pireezidentii biyyattii Andirees Maanu'el Loopeez Obraadoor dhimmi ajjeechaa dubartootaa, ''miidiyaaleetiin biyyattiitiin akka malee hafarsamee,;; jedhaniiru.

Lammiileen miidiyaa hawaasummaa irratti dheekkamsa isaaniin ibsatan suuraa reenfa shamarree Ingiriidaa Iskaamiilaa intarneetii irrattii warri maxxansan akka adabamn jechuun gafataa turan.

Kantiibaan magaalaa Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaawuum lafa ajjeechaan kun raawwate deemuun, ajjeesaan shamarree kanaa adabbii isa sirrii argachuu qaba jedhan.

Shakkamaan yakka kanaa to'annoo seeraa jala ooluu isaas dubbataniiru.

Viidiyoon miidiyaa Meeksikoo irraan tamsa'aa jiru nama dhiigaan laaqamee konkolaataa keessaa jaalallee koo kanin waraane atakaaroo dhimma dhugaatii irratti ka'een akka tahe dubbata. Ragaa balleessuuf ajjeesee bo'oo lolaa keessa darbachuu hima.

Poolisiin odeeffannoo kan argate haadha warraa duraanii shakkamaa kanaa irraati.