Ruubii Wiiliyaams: 'Barattoonni rifeensa gofaree qaban kamuu akka kiyya rakkachuu hin qaban'

Madda suuraa, Kate Williams
Barattu rifeensa gofaree qabduuf yeroo hedduu mana barnootaarraa ari'amte wanti ishee mudate barattoota biraa akka hin mudanne barbaaddi.
Ruubii Wiiliyaams eega maatiinshee dhimmicha gara seeraa geessaniin booda manni murtii beenyaaa £8,500 akka argattu taasiseera.
Haalli rifeensakeen dambii ittiin bulmaata mana barumsaa cabsiteetta jedheeni ture- manni barumsichi "gofareen ishee hamma fi dheerina murtaa'aa tahe" qabaachuu qaba jedheetu ture.
Ruubiin manneen barumsaa UK keessatti argaman "dambiin ittiin bulmaatasaanii barattoonni yeroo gara mooraa mana barumsaa seenan loogii qabaachuu hin qabu," jetti.
"Seenaa kiyya barattoota haala wal fakkaataa keessa jiranii fi dubbachuu sodaataniif ofitti amanamummaa akka qabaataniif isaan gargaara jedhee amana." jetti.

Madda suuraa, Ruby Williams
Haati Ruubii Keet Wiiliyaams dambii ittiin bulmaata mana barumsichaa waaggoota sadi dura argite- kunis eega intallishee sababa rifeensasheetiif mana barumsaarraa ari'amte booda jechuudha.
Ruubiin ammatti ganna 18 yoo taatu barsiisaan Riichaard Biraawun jedhamu rifeensi ishee 'yabbuufi baay'ee' akka ta'e itti hime.
Manni barumsichi sababa rifeensishee barattoota biroo jeeqaa akka jiruu fi gabatee adii arguuf akka rakkatan natti himan jette.
Qondaaltonni mana barumsichaa manni barumsaasaanii "yeroo hundaa garaagarummaa jiru ni kabajna," jedhan.
"Manni barumsaa barattoonni yookiin maatii barattoota isin ni loogdu jedhanii yaadan ta'e baay'ee gaddina," jechuun himan. "Manni barumsaa keenya namoota dhuunfaa yookiin garee kamiyyuurratti loogii hojjanneerra jennee hin yaannu."
Eega maatii Ruubiin dambi ittiin bulmaataa kanarratti qeeqa kaasan booda manni barumisichi marsariitiisaarraa dambicha haqeera.

Seenaa Ruubii yeroo jalqabaatiif bara 2018 keessa dhageenye.
Sababa rifeensasheetiif irra deddeebiin ari'amtee turte. Qormaata seensa yuunivarsiitii fudhachuuf waggoota 10 fi 11 mana barumsaatti dabarsiteetti.
Jalqabarratti baay'ee ishee naasise. "Sababa rifeensi kiyya akkanatti guddatuuf dhuguma mana barumsaarraa ari'amuufi," jechuun nutti himteetti.

Madda suuraa, Kate Williams
Sababa kanarraa kan ka'e isheen gara mana barumsaa deemuuf sodaa fi dhiphuu keessa galte.
"Yeroo hunda mooraa mana barumsaa keessa akkuma seenuun xiyyeeffannoon namoota hundaa rifeensa kiyyarra jira," jette.
Mana barumsichaa doktorootaa fi ogeeyyii xiin-sammuurraa isheerraa sababa dambii ittiin bulmaatasaaniif akka isheen cinqamaa jirtu kan ibsu xalayaa hedduu dhaqqabeeraan.
Manni barumsichi waa'ee barattuu duraaniirratti yaada kennuuf "hin danda'amu" jedhe.

Madda suuraa, Kate Williams/Ruby Williams
Ruubiin dambii ittiin bulmaata mana barumsichaa waliin akka deemuuf rifeensashee haala garagaraan bareechaa turte.
Shurrubbaa dhahachuufis yaalii taasiftee turte. Kunis immoo £20 - £100 akka kaffaltu ishee taasisa ture.
Akkasumas jeeliidhaan rifeensashee walitti akka qabatuuf yaaltee turte.
Ta'us garuu maatiin ishee rifeensashee jecha maallaqa guddaa akka baasan, yeroosaanii akka fudhatee yookiin rifeensashee balaarraa buusaa akka turan yaadatu.

Madda suuraa, Kate Williams
Yeroo tokko yeroo barsiistuun ishee haala rifeensashee mataa Ruubiirratti kaa'uuf yaalii taasifte san kan ishee wanti kun dhaabbachuu qaba kan jette.
"Baay'ee sodaadhe. Dhumarratti akkas jedhee 'Rifeensi kiyya baay'ee guddaa yoo ta'e gara manaa na erguu dandeettaa? jedheen. Sababni isaas wanti kun gaarii waan hin taaneefi'.
"Maaf rifeensa kiyya ciruu yookiin jijjiira osoo namoonni akka fedhanitti guddisan - sababa rifeensi kiyya guddatuufi ciruu qabaa?

Madda suuraa, Kate Williams
Ruubiin yeroo hunda rifeensashee hin jaallattu ture.
Yeroo ganna 13 turte san rifeensashee haalan akka dheeratu gochuu jalqabde - kunis torbeetti al-lamaa akkas gooti. Kun immoo sa'aatii 3 fudhata ture.
"Rakkoo tokko wayii qaba jedhee yaada ture. Sababni isaa namoonni maaf rifeensi maaliif isaan barbaachis?" jechuun BBC'tti himteetti.

Madda suuraa, Kate Williams
Eega namoonni rifeensasheerratti yaada gaarii kennuu jalqaban yeroo ganna 8 rifeensashee akka dheeratu gochuu dhiifte.
Garuu bara 2018 sababa rifeensishee dambii mana barumsaa cabseef ari'amte - dhimmi kunis gara mana murtiitti dhiyaateera.
Eega dhimmi mana murti yeroo fudhateef himannaasaanii dhiisan.
Maatiin ishee ammatti UK keessatti ijoolleen sababa rifeensa isaaniin akka mana barumsaatii hin ari'amne barbaadu. Akkasumas Guyyaan Gofaree Addunyaa kan Fulbaana 15 kabajamu manneen barnootaa akka kabajaniif yaadasaanii kaasaa jiru.

Madda suuraa, Kate Williams
Ruubiin ammatti barattuu kolleejjii yoo taatu rifeensasheetti ofitti amanamummaa qabdi.
"Rifeensa kiyyatti baay'ee gammada. Rifeensi kiyya 'baayyee' waan ta'eef nan boona."















