Elsaalvadooritti loltootni mootummaa hidhannoo guutuun Paarlaamaa seenan

Maxxanfame

Loltootni mootummaa hidhannoo guutuun Paarlamaa Elsaalvadooritti dhiyaachuun liqaan doolaara miiliyoona hedduu hidhannoo isaanii fooyyessu akka ragga'u gaafatan.

Loltootni kun Paarlaamaatti kan ol lixan wayita Pireezidantiin biyyattii Nayiib Bukeelee seera biyyaa warra tumanitti dubbachuuf jedhaniidha.

Pireezidantichi hidhannoo loltoota mootummaa cimsuuf liqaan akka ragga'u nan hojjadha guyyaa torba qofa naa kennaa jechuun loltoota kanaaf waadaa galanii ture.

Mormitootni, loltootni mootummaa hidhannoo guutuun Paarlaamaa keessa galuun waan ta'ee hin beekne jedhanii gochi kun sodaachisuun wixinichi akka ragga'u gochuudha jedhaniiru.

El Saalvadoor addunyaarratti biyyoota yakki nama ajjeesuu itti heddumaatu keessaa tokko.

Yakkoonni kunniin harki caalaan garee namoota hidhatanii gidduu gala Ameerikaa keessatti socho'aniin raawwatama.

Pireezidantiin biyyattii kun bara 2019 aangoo yoo qabatan hokkora gareelee gurmaawaniin raawwatu hambisuufi malaammaltummaa xiqqeesuufin hojjedha jedhanii ture.

Amma maallaqni Paarlaamaan akka raggaasu gaafatame duula gareelee gurmaawaniin raawwatamu qolachuuf gaggeefamu cimsuuf bittaa konkolaattoota Poolisii, uffata dambii, meeshaalee sakatta'uu fi hilikooptaraaf oola jedhameera.

Miseensonni Paarlaamaa biyyattii hedduun garuu wixinee seeraa kana irratti mariyachuu hin feene.

Lakkoofsi Miseensota Paarlamaa inni xiqqaan wixinee seeraa irratti mariyachuuf barbaachisuu osoo hin guutamiin hafuus, Pireezidantichi deeggartoota isaanii waliin Paarlaamaa galaniiru.

Paarlaamaan dhimma kanarratti mariyatee murtee hin dabarsu yoo ta'e hiriirri deeggarsaa akka bahamu ibsaniiru. Qeeqxonni isaanii nu sodaachisaa jira, abbaa irrummaatu jira jechuun komachaa jiru.