Waashingitanitti mariin Itoophiyaa, Sudaanii fi Masirii ibsa malee xumurame

Hidha laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hidha laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu.
Maxxanfame

Waldhabdee dhimma hidha laga Abbayyaa irratti Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan gidduutti uumame furuuf mariin Waashingitanitti gaggeeffamaa ture kaleessas ibsa tokko malee xumurame.

Ministerootni dhimma biyya alaa fi bishaanii biyyoota sadeenii guyyoota lamaaf Washingitaniitti mari'ataa turan. Haal hidhichi itti guutamuu fi oppireeshinii isaa irratti gidduugalummaa Ameerikaan waliigaltee irra gahu jedhameeti kan eegamaa ture.

Wixineen Amajji 15 gidduugalummaa waajjira Dinagdee Ameerikaa, Baankii Addunyaa kan agarsiisu hidhichi yeroo waktii roobaa qofa sadarkaa sadarkaan guutamaa haa adeemu kan jedhudha.

Garuu yeroo hammamii keessatti kan jedhu waan ibsu hin qabu. Waliigaltee xumuraa irratti yeroo isaa dabalatee dhimmootni kaanis ni ibsamu jedhameeti kan eegamaa ture.

Oppireeshiniin hidha kanaa akkam taha kan jedhu ammoo ammayyuu waggootaaf osoo wal falmisiisuu tureera.

Itoophiyaan hidha kana akka pirojeektii murteessaa madda aannisaatti kan ilaaltu yoo tahu dafee guutee tajaajila kennuu akka jalqabu barbaaddi.

Masiriin kan maddi bishaan ishee %90 laga Abbayyaa kana irratti hundaa'u ammoo hamma bishaanii ani argadhu waan hir'isuu maluuf suuta jedhee guutamuu qaba jechuun falmiti.

Itoophiyaan bara 2011 keessa hidha kana $4bn'n ijaaruu kan jalqabde yoo tahu lagni Abbayyaa akka waliigalaatti laga Naayiliif bishaan %85 ol gumaachuu kun waggoota jaha keessatti akka guutaman barbaaddi.

Masiriin ammoo hidhichi waggoota 10-21 gidduutti yoo guute hamma bishaanii argachuu mallu irratti dhiibbaa hin fidu jechuun itti cichitee mormaa jirti.