Yusaakuu Maa'ezaawa: Lammiin Jaappaan deemsa gara addeessaa taasisuuf 'michuu' baraadaa ture dhiise

Yusaakuu Maa'ezaawa:

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dureessi Jaappaan imalasaa gara addeessaa taasisuuf karoorafatteef "michuu jireenyaa" isa waliin imaltu barabaadaa kan ture amma karoorasaa kana dhiisuu beeksiseera.

Yusaakuu Maa'ezaawa imala gara addeessaa taasisuuf yaaderratti dubartoonni hin heerumneefi ganna 20 ol ta'an iyyata akka galafataniif affeere ture.

Dubartoonni 28,000 kan gaafatan ta'us gaafa Kamisa "miirri wal makaan" natti dhagahameera jechuun dhiisuusaa himeera.

Karoorri isaa gara addeessaa deemuu ammas kan qabuufi bara 2023'tti kan karoorafte yoo ta'u karoorsaa kanaan garuu kophaasaati kan deemu.

Ji'a Amajjii keessa investarri ganna 44 marsariitiirratti imala gara addeessaa taasisuuf dubartoonni isa waliin akka imalan gaafatee ture.

Marsariitichi haal dureewwaan of keessaa qaba ture: kan hin heerumne ta'uu qabuu, ganna 20 olfi fedhii gara addeessaa imaluu qabaachuu qabu kan jedhan turan.

Dubartiin tokko kan filatamtu yoo ta'u adeemsi kunis viidiyoon dookmeentarii "Full Moon Lovers" jedhu ittiin hojjatama jedhamee ture.

Gaafa Kamisaa garuu Tiwiitarasaarratti dubartii isa waliin gara addeessaa imaltu barbaadu dhiisuusaa ibseera.

"Qooda fudhatummaa kiyyarratti miira wal makaatu jira," jedheera.

"Fedhiifi kaka'umsa dubartoonni 27,722 akka iyyatan galfatan taasisuun kun yeroosaanii waan balleessefi murtee of jaalatummaa kiyyaan murteesse kana namni hundi beekuunsaanii na gaddisiiseera."

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Dureessi kun yeroo dhihootti jaalalleesaa ganna 27 adda baheera. Yeroo dureessi kun qalbii namoota fudhatu kun jalqabaa miti.

Asiin duras namoota waan inni Tiwiitarasaarratti maxxanse qoodan namoota 100 ta'aniif birrii 27,750,000 akka kennuuf waadaa galee ture.

"Irratti hirmaachuuf na duukaa bu'uufi irra deebitanii maxxansuudha," jedhee ture.

Kunis maxxansa yeroo baay'ee qoodame ta'ee ture. Innis mo'attoota Amajjii bara darbee beeksisuusaa dubbateera.

Gatiin tikeettii Yusaakuu Maa'ezaawandhaaf kaffalamu ifa godhamuu baatus akka obbo Muusak'tti garuu "maallaqa heddudha."

Karoora bara 2023 qabate kun eega bara 1972 as dhala namaatiin yoo daawwatamu yeroo jalqabaatiif ta'a.