Qophii muuziqaarratti mobaayiloonni nama tokkoon hataman 30 qabaman

Mobaayiloonni hatamanii Poolisoonni Holand deebisan suurri isaanii kanadha

Madda suuraa, dutch police

Ibsa waa'ee suuraa, Mobaayiloonni hatamanii Poolisoonni Holand deebisan suurri isaanii kanadha
Maxxanfame

Magaalaa Holaand kan taate Amistardaam keessatti qophii muuziqaa qophaa'e tokko irratti namichi mobaayiloota 30 hate tokko to'atame.

Poolisiin magaalattii mobaayiloota 30 namichi hate waliin harkaafi harkatti to'achuu kan beeksise.

Poolisiin Holaand akka beeksisetti qophii Muuziqaa Rook irratti mobaayiloonni 30 hataman quumxaa (mutaantaa) shakkamaa kana keessa dhokfamanii argamaniiru.

Shakkamaan umuriin isaa ganna 34 ta'eefi lammii Rumaaniyaa kun miseensa hattoota gurmaa'uun saamaniiti jechuun pooolisiin ibseera.

Hattuun maqaan isaa hin dha'amiin kun mobaayiloota hate soddomman hunda kiisii namootaa keessaa ture kan hate.

Namonni qophii muuziqaa sanarra turan akka mobaayiloonni isaanii jalaa bade yeroo hubatan erga poolisiitti beeksisanii booda poolisiin karraawwan bakka qophii muuziqichaa hunda cufuudhaan sakkatta'insa taasiseen to'annoo jala oolchuu danda'eera.

Shakkamaan kun qophii muuziqaa tokko irratti mobaayiloota hanga kanaa baayyatu yeroo hatu nama isa gargaaraa qabaafi ture hin qabuu isaa hanga ammaa wanti beekame hin jiru.