Daa'ima waggaa 50 dura baddeef namni odeeffannoo qabu $mln. 1 badhaafamuuf

Sheeyraal Girimmar

Madda suuraa, Family Handout/PA Media

Maxxanfame

Poolisoonnii qoratan daa'ima lammii Biriteen waggaa 50 dura Awustiraaliyatti butamtee ajjeefamteetti jedhanii yaadan irratti nama odeeffannoo qabuuf badhaasa doolara miliyoon tokko akka kennan beeksisan.

Daa'imni ganna sadii Sheeyral Girimmar Amajjii 12 bara 1970 ture Awustiraaliyaa, Niw Saawuz Weels irraa kan badde. Reeffi daa'ima kanaa hanga ammaatti hin argamne.

Namni tokko ajjeechaan himatamee mana murtiitti dhiyaachuuf kan ture ta'uus bara darbee himannaan isaa haqameera.

Obboleessi Sheeyral Rikkii Naash, badhaasa kana dhiyeessuun haqa fiduu danda'a jedhe abdata.

"Obooleetti ofii dhabuun akkam akka nama midhuufi Sheeyral baduun ishee dhiibbaa inni maatii keenya hundaarrratti fide ibsuuf jechoota hin qabu," jedha.

" Yeroo hunda akkataa isheen itti nu jalaa fudhatamte yaadaa ni midhamna, kanaaf badhaasaa kun Sheeyraliif haqa fida jennee abadanna."

Sheeyraal Girimmar

Madda suuraa, NSW Police

Bara 2017tti nama sababa seeraatiif maqaan isaa himamu hin dandeenye tokko to'annoo jalaa oolee ajjeechaa Sheeyraliin himatamee ture.

Ta'us garuu gaffiif deebiin bara 1971 yeroo namni kun ganna 17 turetti taasifamee faayyadamuun akka hin danda'amne abbaan murtii murteesseera.

Sheeyraal Girimmar

Madda suuraa, Family Handout/PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Sheeyral fi obboolaanshee sadan

Qorotaan poolisii magaalaa Niiw Sawuuth Weels, Daaniyeel Doherti, badhaasa kana kan dhiyeessan namoota kanaan dura odeeffannoo utuu qabanii dubbachuu hin barbaannee jajjabeessuufi jedheera.

Dabalataan "Yeroo sanatti waggaa 50 dura namichi hin beekamne tokko Sheeyraliin baatee gara konkolaataatti yeroo deemuu arguu isaanii namootni dubbatan jiru, garuu erga guyyaa sana isheen argamu hin dandeenye," jedha.

" Odeeffannoo qorannoo irratti nu gargaaru danda'u kamuu ni simanna. Ammaa furduratti ba'anii waa himuuf miliyoonni tokko sababa ta'a" jedha.