Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa xiyyaaraa Iraan: Ambaasaaddarri UK Teehraanitti to'annoo jala oole
Aanga'ootni xiyyaara Yukireen dogoggoraan dhahanii kuffisuu erga amaniin booda hiriira mormii Tehraanitti gaggeefame irratti Iraaniitti ambaasaaddarri UK to'annoo jala ooleera.
Roob Makeer saatii sadiif to'annoo jala kan ture yoo ta'u gocha kana UK'n 'seera idil-addunyaa cabsuudha' jechuun balaaleeffateetti.
Namoota balaa kanaan du'aniif sagantaa duungoo ibsuu qophaa'ee ture irratti aanga'aan kun argamee akka ture himama, ta'uus booda sagantaan kun gara hiirira mormiitti geeddarame.
Saganticha gadhiisee gara imbaasii UKtti utuu deemuu giddutti rifeensa murachuuf yeroo mana rifeensaa seenetti ture kan to'annoo jala oole.
Ministirri Haaja Alaa Domenik Raab ibsa kennan irratti, "Ambaasaaddara keenya ibsa tokko osoo hin kenniiniifi sababa tokko malee to'annoo jala oolchuun seeraa idil-addunyaa kan cabsudha," jedhaniiru.
Roob Makeer hirira mormii mootummaarratti kakaaseera jechuun akka himatame midiyaan Iraan gabaaseera.
Xiyyaarri Yukireen balalii PS752 'dogoggora namaatiin' rukutamee kufuu isaa erga amantee Tehraaniifi magaaloota biroo keessatti Sanbata hiriirri mootummaa mormuu gaggeefameera.
Balaa xiyyaara Roobii lubbuu namoota 176 galafateef akka itti hin gafaatamne jalqaba Iraan haaltee ture.
Sanbata garuu Pireesdaantii Hasan Roohinii waraannii Iraan yeroo xiyyaarichi gara naannoo buufata waraanaatti naanna'ee imalutti misaa'eelii itti fakkaatee 'dogongoraan' rukutu isaani amananiiru.
Pireesdaant Rohini "kun dogogorraa dhiifama hin qabnedha" jedhaniiru.