'Ijoollumaan osoo hin taane hojiikoon ilaalamuun qaba,' jedha Doktarri ganna 23 Abeenezar

Dr Abeenezar Birhaanu

Madda suuraa, Abenezer Birhanu

Maxxanfame

Hiriyyoonni isaa 'Xiiqqoo' jedhuun, fuullisaas ta'e umuriinsaa xiqqoo waan ta'eefi. Kaan ammoo maqaa masoo 'Doctor young' jedhuun waamuun. Haarmeensaa mana keessatti Beebii jechuun waamti.

Barnoota wallaansa fayyaa isaa kan xumure umurii waggaa 23tti. Umuriin kunis warra kaan waliin yoo wal biratti ilaalame waggaa sadiin durseera.

Oggeessi kunis Dr Abeenezar Birhaanuu jedhama.

Haatiisaa barsiiftuu yoo taatu, abbansaa ammoo oggeessa wallaansa fayyaati. Maatii isaa lamaanuu hojii waan oolaniif guddisa isaa keessatti nama manatti isa kunuunsu dhabuun, dafee barnoota akka galu taasiseera.

Haati Abeenezar hojii dhaabuu ykn mucaa isaanii ollaa bira olfachuu hin barbaanne. Kanaafuu ofii waliin olchuuf qabattee mana barnootaa deemuuf murtessite.

Abeenezar kana booda haadha isaa waliin mana barnootaa deemuun qubee lakkaa'uu eegale.

Abeenezer

Madda suuraa, Abenezer

Abeenezar maatii isaatiif mucaa sadaffaadha. Angafoonni isaa lamaan garuu umurii waggaa 5 fi 6 tti barnoota eegalan. Quxusoonnis akkasuma.

Keessattuu haatii isaanii barsiiftu waan taateef, barsiiftoota isaa waliin dubbachaa gargaarsaafi hordoffii barbaachisu hunda taasisaaf akka turte hima.

Gama barnootaatiin kitaaba barbaachisan bituufiin akkasumas barattoonni cimoon akka qo'achiisan taasiisuun deeggaraa turte.

Waa'ee maatii wayita dubbatus, '' Wanti hundi isiniif kennameera. Waan barbaaddan ta'u dandeessuu'' jechuun nu jajjabeessaa turan jedha.

Kunis jireenya ijoollee hundaa keessatti ija godhateera kan jedhu Dr Abeenezar, inni durumaa qabee fedhiinsaa dokrota wallaansaa ta'uudha.

Abeenezar bakka itti dhalatee itti guddate magaalaa Kamiiseetti haalli bu'uraalee fayyaa kan guutame hin turre. Hir'inni oggeessoota fayyaas akkasuma naannoo sana akka ture hima. Kanaafuu, hakiimooti naannoo isaatti argu ijoolluummaadhaa qabee qalbii isaa akka hawwatan hima.

Kanaafuu innis doktara wallaansa fayyaa ta'uuf hojjachuu eegale.

Abeenezariin alattis haatii isaas doktarummaa akka jaalatan dubbata. Tarii kunis sababii abbaan Abeenezar doktara ta'aniif ta'u mala. Abeenezaris mataansaa doktara ta'usaatti baayyee kan gammadu ta'uu dubbata.

Gosa barnootaa heerreegaa fi fiziiksii caalaa kan jaalatu Abeenezar, osoo doktara ta'u baatee oggummaa mekaanikaal Injinariinii akka filatu dubbata.

Namootaan walitti dhufeenya uumachuufi jireenya namootaa fooyyeessu waa gumaatu jaalata. Gama oggummaatiinis kan hojiin qabatamaa (practice) qabu caalaa akka jaalatu hima.

"Taphoota tibba ijoollummaa''

Taphni yeroo ijoollummaa hinquufamu. Daa'ima ta'amee hafe erga guddatameeyyuu yeroo tokko tokkoo kan yaadatamu jira.

Abeenezar barnootasaa sadarkaa tokkooffaa kan eegale umurii waggaa afuriitti ture. Yeroo sanatti baayyee cimee asiifi achi fiiguun hirriyyoota waliin wal ari'uufilleen qaamni sirriitti hin cimne ture.

Haa ta'u malee Abeenezar barnootarraa tapha akka caalsifataa ture hima. Keessattu kubbaa miilaa baayyee akka jaalatu hima. Garee kubbaa miilaa safara isaanii keessatti goolii eega. Innis 'Garee sanaaf nama murteessaan ture' jedha.

Hiriyyoonni isaa garee kubbaa miilaa isaanii keessa turan barnootaan kan fiixaan bahaniidha. Barnoota adda kutuun kan bakka hintaaneetti dabarsu hinjiru.

Haalli akkasii kunis barnootaan akka cimee itti fufuuf akka isa gargaare hima.

Kana malees, maatiin hordooffii cimaa akka irratti taasisaa ture dubbata Abeenezar. ''Yeroo kee bakka hintaaneetti hindabarsiin,'' kan jedhuus gorsa yeroo hundaa akka ta'e hima. Barnoota isaatti cimuunis kutaa 10'tti qabxii 4 galmeessiseera.

Itti aansees qabxiin inni kutaa 12 galmeesse akkasuma olaanaa ture. Wayita Yunivarsitii Jimmaatti ramadamee dhaqu mucaa waggaa 16 ture.

Umurii sanatti maatii irraa adda bahee yoo fagoo deemu yeroo jalqabaa waan tureef, soodaan itti dhagahamu hima.

Haata'u malee obboolees isaa angafaa duraan yunivarsitiidhuma sanatti ramadamee waan tureef soodaa isaa hanga tokko hirriseefiira. Sochii isaa hundaan biraa hindhabamu ture. Akka daa'imaatti kunuunsaa akka ture hima.

Keessattuu baratoonni, barsiiftoonni fi hojjattoonni waardiyyaa akka barataatti waan hinilaalleef, wayita bahee galuutti isaaniitti ofi beeksiisuun baayyee rakkisaa akka ture ni yaadata.

Kana malees osoo hintaane, dhiibbaa hirriyyootaa kaampaasii keessa ture hunda dandamachuun kaayyoo isaa fiixaan baafachu dubbata.

"Nama fuulasaatiin..."

Barmaatilee ta'e hawaasa keessatti namoonni haala uffannaa, ejjannoo qaamaa, umurii, bifaafi qabeenyaa qaban irratti hundaa'uun ilaalchi eenyummaasaanii tilmaamu jiraa.

Yeroo adda addaatti ammoo keessattuu angaa'oonni dargaggoo rakkoolee kaasan keessaa tokko sochii hojiif taasisan keessatti hawaasichaan amantaa dhabuudha.

Abeenezaris namoota rakkinni akkasii mudatu keessaa isa tokko. Haala kanaan mudannoowwan hedduu kan himu yoo qabaatu, waan tokko garuu hin irraanfadhu jedha.

Haalli isaa akkas ture. Dhukkubsattuu tokko beellama wallaasnaa isheef gara mana yaalaa dheemti. Yeroo sanattis Abeenezar hirriyyaa isaa waliin ta'uun hojiirra ture. Irriyyaan isaas erga dubartii wallaansaaf gara mana yaalaa dhufte sanaaf qorannoo taasiseefiin boodas qoricha akka barreessuuf isatti himama.

Dhukkubsattuun sun garuu isarratti amantaa hin qabdu turte. ''Daa'ima bee! Dogongoru danda'a mitii?'' jechuun sodaashe ibsite. Yeroo sanattis dubartiitti amansiisuuf yaalii akka taasisaa ture akka hin irranfannee hima.

Abeenezar akka jedhuuttis, namni tokko madaalamuu kan qabaatu hojiisaa raawwatuun, oggummaafi beekumsa qabuun qofa ta'u mala.

Keessattu oggummaa wallaansaa inni irratti hirmaateen, wal amantaafi walitti dhufeenyi dhukkubsataa waliin qabuirratti kan bu'urreeffatuudha.

Amantaan yoo hin jiraannee bu'aa isaarratti dhiibbaa waan taasisuuf, namoonni qaamaan, ojjaafi umuriin osoo hin taane oggummaa kennameefi hojii raawwatuun madaalamu akka qabaatu dubbata.

''Gara fuula duraattis danqaawwan walfakkaatan na mudachu malu,'' kan jedhu Abeenezar, rakkoolee kanneenis haaluma dhufaatii isaaniitti deebiisuuf qophaa'aa ta'u dubbata.

Imala itti aanu

Baatii tokkoo booda digrii doktorummaa fudhachuuf kan jiru Abeenezar, gara fuula duraa oggummaa baqaqsanii wallaanuutiin barnoota isaa itti fufuuf fedhii akka qabu dubbata.

Wallaansi baqaqsanii wallaanu ogummaa addaa waan barbaaduuf, inni ammoo gama sanaarratti fedhii olaanaa waan qabuuf damee kanarratti hojjachuu akka barbaadu hima.

Tibba Yunivarsitii Jimmaa hojjataa tureettis, damee sanarratti hir'inni oggeessaa jiraachu waan hubateef kan gahee isaa gummaachuuf kan danda'ameef hunda raawwachuuf qophaa'aa ta'u dubbata.