'Barattoonni yunivarsiitii kaffaltiidhaan akka barataniif yaadamaa jira'

Biyyoota birootti dhawaatuma sadarkaan baranootaa dabalaa adeemuun barattoonni kaffalaniitu baratu, kanaaf jecha barattoonni kaffalanii akka baratan yaadamaa jira jedhe Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo.
Muuxannoo kana hojiirraa oolchuuf yaadaa jirra, kuni kan tahu garuu diinagdee hawaasa keenyaatiin kan wal-simu yoo tahe qofa dha, jedhu dubbi himaan ministerichaa obbo Dachaasaa Gurmuu.
Qulqullina barnootaa yunivarsiitiiwwan mootummaa cimsuun hawaasni damee barnootaa barbaaduu fi yunivarsiitii barbaadutti kaffalee akka baratu gochuutti adeemuun hin oolus jedhan.
Obbo Dachaasaan dhimmichi waan qorannoorra jiru malee yeroo kanatti raawata jedhame kan murame miti jedhan.
''Yunivarsiitii dhuunfaa keessatti hokkarri kan hin kaane namni maallaqa baasee waan baratuufi, kan mootummaa waan hundi bilisaan gatii dhihaatuuf namoonni akkataan waan bilisaa akka salphaatti ilaaluunillee jira,'' haa jedhaniyyuu malee sababiin guddaa barnooti kaffaltiin akka tahu yaadame garuu kana mitti jedhan.
Barattoonni akka kaffalanii baratan taasisuun akka isaan yunivarsiitii mootummaa hin galleef boodatti hin harkisuu jennee gaafannaan,
Yunivarsiitiiwwan 45 biyyattii keessa jiran qulqullina isaanii akka eegan, barnootaa fi qorannnoo gosa gosaan akka kennan taasisuun barattoonni haal dureen liqii itti fudhatan qophaa'eefii kaffalanii akka baratan gochuufi dha yaadni jiru jedhu obbo Dachaasaan.
''Biyyootni diinagdee dhaan unuutiin gadi tahanillee qulqullina barnootaa eeggachaa haala kana ni fayyadamu,'' dubbii himaan kun, barattoota harka 30 akka kaffalan taasifnee 70 immoo bilisaan akka baratan gochuun jalqabuu ni dandeenya jedhu.
Haa tahu malee ammaaf karoorri dhimma kana hojiirra oolchuu waanti qabatamaan yaadame akka hin jirre dubbataniiru.














