Maasiin jimaa Baahirdaar muuziidhaan bakka buufamaa jira?

Muuzii mukasaa waliin
Maxxanfame

Jiraataa Zagee kan magaalaa Baahirdaar irraa fageenya km 25 argamtu kan ta'e Mulaat Ibraahim, waggoota 12'f miseensa raayyaa ittisaa ta'uun tajaajilaa tureera. Kunis ALI 1991 hanga 2003tti jechuudha.

Isaan boodas qonnarratti hirmaachuun jireenya isaa itti fufe. Achinis jimaa dhaabuun hojiisaa kan jalqabaa taasifate.

Bu'aa diinagdee inni argamsiisuufi namoonni kaanis wayita hojjatan arguusaatiin caatii misoomsuuf kaka'u hima.

''Wayitan ani loltuummaadhaa deebii'u ummanni caatii dhaabaa ture. Anis isaan booda itti gale jechaadha,'' jedha Mulaat.

Waggoota darbaniif jimaa omishaa turulleen hanga barbaade bu'aa qabeessa akka hinturre hima.

Hojiinsaa dadhabsiisaa ta'unsaafi bu'aan irraa argamu hir'achaa dhufuun akkasumas hawaasa keessatti araadni caatii babal'ataa adeemuunsaa filmaatawwan gara biraa akka ilaalu isa dirqisiisu hima.

''Boroosaa dabalatee naannoo hundi jimaan kan gutameedha. Wanti biraa dhaabame hinjiru.

Araadaan alattis bu'aan caatii irraa hawaasaaf argamu hinjiru. Maallaqni caatii irraa argamu miidhaa qabaachu baatulleen garuu bu'aa qabeessa miti.

Yeroo hunda na hordofaa waan jedhuuf jimaa omishaa waan gara biraa omishuun nama rakkisa,'' jechuun hima Mulaatuun.

Naannichatti hojii qonnaa irratti kanneen hirmaatan keessaa tokko kan ta'e kan biraa Umar Alqaadiris yaada kanaan walii gala.

Maasii maatii isaa irraa argateerratti jimaa dhaabuun gara qonnaatti galu kan himu Umar, waggoota gara 10'f caatii omishuun nuffuu dubbata.

''Caatiin gatii baayyee hinqabu, ni argattaa debiiftee hojjataaf baafta. Baasiifi dadhabbii baayyee qaba. Kan raammoon nyaatu jira. Hojii gara biraa hojjachuun hin danda'amu. Dadhabbii qofaadha. Dargaggoonnis gara araada kanaatti galaniiru,'' jedha.

Obbo Adimaasu Takkaa Qindeessaa waajira qonnaa ganda 01 Zaggee

Caatii Muuziin bakka buusuu

Amma keessa qonnaan bultoonni akka Umariifi Mulaat jimaa omishuurra fuulasaanii omisha gara biraatti garagalfataniiru.

Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Baahirdaariitti Qindeessaa waajjira qonnaa ganda Zaggee 01 kan ta'e Obbo Adimaasuu Takkaa akka jedhaniitti, caatii omisha gara biraatiin bakka buusuun fedhii hawaasicha irraa maddedha.

''Jimaan hojii nama hiksiisuun nama nuffisiisa. Jireenyaafi fayyaarrattis dhiibbaa qaba. Jiraattoonni naannichaa jimaan dargaggoof balaa waan qabuuf baduu qabaata jechaa jiru,'' jechuun hima.

Kanaaf ammoo naannichatti omisha gaarii kennuun jireenya hawaasichaa akka geeddaruutti kan itti amaname ammoo omishoota akka muuzii, abokaadoo, bunaafi kkf omishuudha.

Kanaafi ka'umsa argachuufis qonnaan bultoota Arbaa Mincii bira deemuun muuxannoo argataniiru.

''Qonnaan bultoota qabannee Arbaa Mincii deemne turre. Omishiti muuzii kan addaati. Konkolaataan achi galuun omisha gabaaf dhiyeessa,'' kan jedhan Obbo Adimaasuun, muuxannoo argatan kana naannichatti hojiirra olchuuf murteessuu dubbatu.

Wayita muuzii dhaaban caatii balleessuun galii jimaarraa argataa turan muziirraa argachuuf karoorfataniiru.

Caatii waljalaan baasuudhaaf

Obbo Mollaalinyi Mangistuu Qajeelacha Qonnaa Bulchiinsa magaalaa Baahirdaariitti oggeessa kuduraafi muduraati.

Hojiin maasaa caatii kuduraafi muduraan bakka busuu haala lamaan hojjatamaa jiraachuu dubbata.

"Tokkoffaan namoonni kana dura jimaa hindhaabiin akka omisha kuduraafi muduraa irratti hirmaatan taasisuudha.

Lammaffaa ammoo, Kanneen jimaa dhaaban wal duraa duubaan dhiisanii gara omisha kuduraafi muduuraatti akka galan taasisuudha. Kanaaf ammoo leenjiin ni kennama,'' jedha.

Obbo Admaasuun akka jedhaniitti, maasaa jimaa kuduraafi muduraan bakka buusuuf waljalaan hojjatamaa jira jedhu.

Umar Alqaadriim

Lakkoofsi namoota gara kanaatti seenaa jiranii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira jedhu.

"Kana erga yaallee waggaa gutneera,'' jedha Obbo Adimaasuun. ''Qonnaan bultoonni torba gutummaantti caatii balleesaniiru. Bakka isaas muuzii dhaabaniiru.

Hedduun ammoo jimaa keessa kan muuzii dhaaban jiru. Booda keessa caatiin baduun muuziin bakka qabata.''

Caatiin gutummaatti badu baatulleen naannichatti jijjiramni olaanaan jiraachusaa eeruun '' gandichatti caatii maasaa hektara shanii hanga jahaa ta'utu ture. Isaan keessaa kan heektaara lamaa hanga sadii ta'u amma muuziin bakka buufameera,'' jedhu Obbo Adimaasuun.

Galiin muuzii kan caatii caala

Qonnaan bulaa Mulaatiifi kanneen biraa caatii muziidhaan bakka buusuu isaanitiif bu'aa argachuu dubbatu. ''Amma omisha argachuun gabaaf dhiyeessa jirra. Omishni isaas gaariidha,'' jedha Mulaati.

Umar gama isaatiin ''Erga gara hojii kanaatti seennee waggaa lama taa'eera. Misoomsuuf waggaa tokko natti fudhate. Waggaa lammaffaarratti ija godhate. Asumatti hawaasaaf dhiyeessina. Amma gaariidha,'' jedheera.

Kana malees muuziin tokkicha qabatee laliisnaan akka waan kaanii yeroo hunda na kunuunsaa hinjedhu, hojiinsaa dadhabsiisaa miti jedha.

Haa ta'u malee namoonni galiin jimaa irraa argamu hedduu ta'u eerruun muuzii dhaabuuu didan illeen Obbo Mulaat fa'i garuu galiin muuzii dansaadha jedhu.

Obbo Mollaalinyi Mangistuu qajeelcha Qonnaa bulchiinsa magaalaa Baahiraariitti oggeessa kuduraafi muduraa

"Caatiirraa torbaniitti ykn torban lammatti galii ni argatta. Garuu baasiin isaas akkasuma.

Muuziin ammoo ammaa hunduu ija godhateera. Kan nurraa bitatu argate jennaan galii bareeda ta'a. Ammas asumatti gurguraa jirra. Gabaan caaluu osoo argame ammoo baayyee bu'aa qabeessa,'' jechuun omishitummaa muuzii hima.

Umar gama isaatiin, ''Naannoo kanatti haalli gabaa hinmijoofne. Baahirdaariitti muuziin kiloo tokkoo qarshii 30-40tti gurgurama. Asi ganda keenyatti ammoo qarshii 20-25tti gurgurra. Yoo haalli gabaa nuuf mijate ammoo kana caalaa ta'a amantaa jedhuun qaba,'' jedha.

Omisha muuziin alattis biqiltuu muuzii qopheessuun madda galii gara biraa ta'uu hima Obbo Adimaasuun. ''Qonnaan bultoonni yeroo darbe biqiltuu konkolaataa lama gurguran.

Haalaan hojjannaan muuziin omisha bu'aa qabeessa. Muka muuzii tokkicha irraa ija 200-250 ni argama. Kana gara heerreegaatti yoo geedaruus garaa garummaa olaanaa qabaata.''

Mulaat omishti jimaa dadhabsiisaa ta'usaatiin alatti, dargaggoonni araadaan akka qabamaniif madda ta'usaa yoon yaaduun fuula kiyya gara omisha muuziitti naanneefadhe jedha. Kanaanis qonnaan bultoota naannichaatiif fakkeenya ta'uuf carraaqaa jira.

''Miidhaa jimaan qaburraa ka'uun gutummaatti omisha gara biraatiin bakka buufamuu qabaata. Bu'aansaas ofii qofa osoo hintaane hawaasa naannichaafi biyyaafis,'' jechuun bu'aa qabeessuummaa muuzii hima.