Duuti balaa xiyyaaraan qaqqabu bara 2019 harka walakkaan hir'ate

Xiyyaara Itoophiyaa Bishooftutti kufee caccabe

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Lakkoofsi namoota balaa xiyyaarota daldalaa gurguddoon qaqqabuu bara 2019 50%'n hir'achuu qorannoon ibse.

Akka qo'annoon Indastirii Aviyeeshinii jedhutti, namoota 257'tu balaa xiyyaaraatiin bara 2019 keessa du'e.

Kanneen balaa kanaan lubbuu dhaban keessaa lubbuun namoota 157 xiyyaara Itoophiyaa lakkoofsa balalii 302 irra qaqqabeen mudate.

Lakkoofsi kun kanneen bara 2019 du'an keessaa harka walakkaan ol ta'uusaa agarsiisa.

Bara 2018 immoo balaan xiyyaaraa lubbuu namoota 534 dabarse jedhe indastirii Aviyeeshinii kan gorsu kaampaniin Daachi' To70' ibseera.

Haa ta'u malee, ji'a Bitootessaa keessa balaa xiyyaaraa qalbii namoota hedduu keessaa hin badnetu xiyyaara Itoophiyaa max 737 irra qaqqabe.

Geejjibni xiyyaaraa wayita guddatetti lakkoofsi namoota balaa xiyyaaraatiin du'anii gadi hir'achuun dhaga'ame.

Bara 2019 keessa xiyyaarota daldalaa gurguddoos dabalatee balaa 86 tu galmeeffame. Balaan qaqqabe kun lubbuu namoota 257 dabarse.

Balalii xiyyaaraa daldalaa gurguddoo si'a miiliyoonaa 5.58 keessaa balaa tokkotu qaqqabee jechuudha akka gabaasni kun jedhutti.

Kanaafuu, Indastirii aviyeeshinii keessatti bara balaan xiqqaate jechuun ni danda'ama akka Neetworkiin nageenya Aviyeeshinii xiyyaaraa balaa qaqqabe galmeessu jedhutti.

Bara 2018 keessa balaa 160 qaqqabetu galmeeffame, isaan keessaa 13 lubbuu namoota 534 galaafate.

Indastirii Aviyeeshinii addunyaarratti barri 2017 bara nagaati jedhama. Jeettii kufee cacccabeen balaan galmaa'e hin turre.

Qorannoon kun balaa xiyyaarri balalistoota, imaltootaf walumaagalatti nama kamirraanu gahe kan dabalatudha.

Balaan galmaa'e kun garuu xiyyaarota waraanaa, shaakalarratti kufan, kan dhuunfaa, fe'insaafi Heelikoptaroota hin dabalatu.