Magaalaa nama caalaa adurreen itti baayyattu

Saalaah Aduroota waliin
Maxxanfame

Magaalaan Soriyaa Kaafiir Naabii kan humnoota motummaa Soriyaafi Raashiyaatiin halleellaan boombii itti dhangala'aa ture namoota caalaa lakkoosfi adurrootaa akka caalu himame.

Magaalaa Kaafar Naabii kan finciltoota Sooriyaatiif lafa dahannoo turte irrattis wayita haleellaan cimaan qilleensaan taasifameetti namoonni hedduun magaalattii gadhiisuun yoo bahan muraasni achumatti hafan.

Duraan magaalattiin jiraattoota gara 40,000 ta'an kan keessa jiraataa turan taatulleen amma kan hafan namoota 100 hin guutan.

Haata'u malee, waliigalatti lakkoofsa adurroota magaalattii keessa jiran dubbachuuf rakkisaa ta'ullee dhiibba hedduun ykn kumaatamaan kan lakkaa'aman ta'uutu dubbatama.

Aduroonni 20 ykn 30 ta'an jiraataa magalattii Saalaah Jaar waliin ta'uun daandiirra asiifi achi deemu.

Dargaggeessii umurii 32 kan ta'ee Saalaah Jaar aduroota hedduu waliin sodaadhaan firaasha tokkorra bula.

Ta'us ammoo haala sukkanneessaa kana keessatti aduronni isa waliin ta'usaanii muddama isaa akka hirrisaniif dubbata.

"Ashaakiltiis ta'ee daabboo gogaa waanuma ani sooradhu na waliin nyaatu. Haala kana keessatti hundi keenya uumaa waan taaneef wal gargaaruu qbna," jedha Saalaah.

Saalaah raadiyoo 'Fresh FM' jedhamuuf gabaasaa ta'uudhaaf kan hojjatu yoo ta'u, bufanni raadiyoo sunis haleellaan barbadaa'eera.

Halleellaa boombii wal irraa hincinneen aduroonnis akkuma namaa miidhamtoota yoo ta'an, haaluma humni hayyameen isaanis gargaaruuf yaaliin ni taasifama jedha Saalaah.

''Adureen hiriyaa kiyyaa tokko milasaa fulduraa rokkeettiin rukutamee baayyee waan miidhamee tureef wallaansaaf gara Idiiliib geeffameera.

Saalaah adurroota waliin yeroo gaariifi yeroo badaa akkasumas yeroo gammachuufi dhukkubbii akka qoodatte hima. Walumaagalattis michuu jireenyaa taaneera jedha.

Innis ta'ee namoonni hafan kan biraa magaalattii bahuun dirqama yoo itti ta'ee hanga danda'ameen aduroota qabatanii bahuu malee dhiisanii akka hingodaannee dubbatu.

Akkasumas saroonni magaalatti keessatti alkan dutaa waan nyaatamu barbaacha jijjigaa gamoo keessa asiifi achi deedeebii'an hedduutu jiru.

Saroonni akka adurootaa kan isaan ofitti siqsu dhabanilleen akkuma adurootaa kan mana hin qabneefi heddu ta'usaanii himama.