Salvaa Kiiriifi Maachaar Mootummaa waloo ijaaruuf wal ta'an

Madda suuraa, ALEX MCBRIDE
Pireezidantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiiriifi morkataan isaanii Re'iik Maachaar Mootummaa ce'umsaa waloo (Transitional Government of National Unity) hundeessuuf walta'an.
Kaleessaa magaalaa Jubaatti waliigaltee erga mallatteessanii miidiyaaleef ibsa kennaniin, Kiir, biyyattii keesstti nageenya buusuuf waliigaltee kana dura gahame saffisaan hojiirra oolchuun lammiilee sababa walitti bu'iinsaan qe'eesaaniirraa buqqa'aniif deeggarsa namoomaa kennuuf haala mijataa uumnaa jechuu Sudaan Tiribuun gabaaseera.
''Guyyaa 100 keessatti mootummaa waloo ijaaruu qabnaa jenne. waliigalteen kun hin xumuramu yoo ta'e, mootummaa ce'uumsaa waloo ijaaruun wantoota hin furmaiin furra jenneerra'' jedhan.
''Waliigalteen waraana dhaabuu akka itti fufuu, nu keessaa eenyuyyuu fedha waraanatti deebi'uu hin qabus'' jechuun dubbatan.
Mootummaan ce'umsaa waloon kun Amajjii dhufu guutummaatti hundaa'ee xumurama jedhamee eegama.
Hoogganaan Mormituu Re'iik Maachaar gama isaaniin gama nageenyaan waliigaltee irra gahame saffisaan hojiitti hiikuuf loltoota gara kaampiitti galchuun leenjisuufi waraana waloo ijaaruuf waltaaneerraa jedhan.
Dhimmootni biyyaa fi daangaa ilaallatan yeroo biraatti dabarfamuufi guyyoota 100 keessatti furuuf yeroo qabame keessatti furmaata akka argatu abdii qabaniis dubbataniiru.
Hoogganoonni siyaasaa lameen ji'a darbe wantoota murteessoo jedhan irratti mariyachuuf guyyaa dabalataa 100 gaafachuun si'a sadaffaaf dheereffame.
Sadaasa darbe ijaaramuun kan irra ture mootummaan ce'umsaa waloo gareen Maachaara shakkii qaamolee nageenyaarraa qabaniin osoo hin xumuramiin hafe.













