Qorannoo Qaccee Sanyii: Mastiikaan waggoota 6,000 dura alalfatame iccitii nama durii ifa baase

Aartistiin waa'ee fakkii fuula dubartii 'Lola' jedhamtee kan akkasiin tolcheera

Madda suuraa, Tom Björklund

Maxxanfame

Kunis fuula dubartii waggoota 6,000 dura biyya Iskaandeneviyaa keessa jiraattee tokkoorratti.

Qorannoon qaccee sanyii 'maasitiikaa' ilkaan namoota duriitiin alalfatamee waa'ee dhala namootaa durii irratti iccitii jiru ifa taasise.

Bifa ishee baruun kan danda'amees qorannoo saayintistoonni qaccee sanyii isheerratti maastikaa isheen alalfachaa turfte irratt taasifameenidha.

Qorattoonni akka jedhanittis, qorannoon ilkaan irratti gaggeefame kunis kanneen lafee ilmaan namaa irratti taasfamuun kan jalqabaati.

Isaan boodadha kan isheen eenhyuudha jechuun qorachuu eegalan.

line

Oduu kanatti dhiyaatan biroo:

line

Dubartiin biyya Iskaandeviyaa keessa waggoota 6,000 dura jiraataa turte tunis bifaan gara gurraacha'uu kan dhaqxu yoo ta'u, rifeensa magaalaafi ija cuquliisa qabdi jedhameera.

Yunvarsitii Koppaanhaagan irraa kan ta'an Dr Haanees Iskirodar akka jedhaniitti, ''maatisiikaan'' dubartii kanaan alalfatames kan dhangala'aa mukarraa fudhatameedha jedhaniiru.

Haalli kunis wayita hambaan ilmaan namaa hin jirreetti qaccee sanyii ilama namaa qorachuuf gummaachaa olaanaa taasiseera jedheera.

''Lafedhaan alatti qaccee sanyii ilma namaa argachuun baayyee kan nama dinquudha,'' jedheeras.

Waa'ee ishee maal beekna?

Qorannoon kunis koodii dhaloota dubartii kanaa gutummaatti baruuf jecha hojjatame jedhaniiru.

Bifti ishees irra caalaa Awwurooppaa, akkasumas jiddugala biyyoota Iskaandeniviyaa keessa jiraataa turaniifi kanneen adamoofi kuduuraafi muduraa funaanuun jiraatanii fakkaata.

Magaala yoo taatu, rifeensa magaalaafi ija cuquliisa qabdi.

Qacceen sanyii kunis kan argame dhangala'aa bara sanatti meesaalee dhagaa walitti maxxansuuf ittiin fayyadamaa turan irratti mallattoon cinniinnaa ilkaanii mullachuusaatiin.

Dhangala'aan kunis kan alalfatame tarii wayiin qabsiisuuf ykn dhukkubbii ilkaanii irraa boqonnaa ragachuuf ta'u mala jedhameera.

Attamiin jiraataa turte?

Hambaan maastikaa alalfatameefi madda ilmaan namootaatiif odeeffannoo kennee kunis bakka hambaalee jaarraa bara dhagaa Deenmaark irraa argameen qorannoo qaccee sanyii namaarratti gaggeefameeniidha jedhameera.

Qorattoonni akka jedhaniittis, ragaan maastikaa kanarratti argamuus ilmi namaa attamiin akka jiraateefi haala fayyina isaa adda baasuun baruuf ragaa kan qabatedha jedhaniiru.

Qacceen sanyii maastikaa kanarraa fudhatamees, dhukkuboota adeemsa keessa ilamaan namootaa dhiidhaa dhufan attamiin ofiisaanii geeddaraa akka adeeman baruuf ragaa qabataniiru jedhameera.

Piece of 5,700-year-old birch pitch from Syltholm, southern Denmark

Madda suuraa, Theis Jensen

Qorattoonni akka jedhaniitti, bara duriitti sababii dhukkubni sombaa akka umamuu taasisan, akkasumas baakteeriyotaafi vaayirasoota maastikaa alalfatame kana keessaa baasuun, qorachuun ilbisoonni dhukkuba nama qabsiisan attamiin baroota keessatti akka geedaraman baruun ni danda'ama.