Xiyyaarri Chiilii namoota 38 qabattee balali'aa turte dhabamte

Hercules C-130

Madda suuraa, File photo

Ibsa waa'ee suuraa, Hercules C-130
Maxxanfame

Xiyyaarri Waraanaa Chiilii namoota 38 fe'attee gara Antaarkitikaatti imalaa turte achi buuteen dhabamuu Humni Qilleensaa Biyyatti ibse.

Xiyyaarri geejjibaa C-130 Hercules jedhamtu kun Puunta Areenas irraa (19:55 GMT) ka'uun balali'uu eegaltus battaluma sana (21:00) irratti walqunnamtiin ogeeyyii oppereetarota wajjin qabdus addaan citeera.

Namoota badan keessaa 17 miseensa gartuu balaliistotaa yoo ta'an, namoonni 21 ammoo imaltoota deeggarsa loogistikaa kennuuf garasitti imalan.

Humni Qillleensaa Chiilii xiyyaara bade barbaachiifi namoota badanis lubbuusaanii baraaruuf oppereshinii gaggeessaan jiraachuu himeera.

Qondaaltonni biyyatti akka jedhanitti, xiyyaarri kun wayita dhabamtu gara odola 'Frei Montalva' jedhamu kan mootii Joorji Antaarkitikaatti argamutti imalaa turtedha.

Pirezedantiin Chiilii Sabestiyaan Pineeraan toora tiwitarasaaniirratti 'xiyyaarri kun baduutti 'yaaddaa'era jedhanii barreessan.

Jeneraalli Humna Qilleensaa biyyatti Iduwaardoo Moskuhiraa midiyaa biyyattiif akka himanitti, xiyyaaricha balaan mudachuu akeekkachisni mul'isu akka hin jirre himan.

Paayiletiin xiyyarichaa muuxannoo jabaa qabaachuu himanii, tarii boba'aa fixee qubachuuf dirqamuu danda'aa jedhan.

Xiyyaaronni waraanaa F-16 fi dooniiwwan afur barbaacha adeemsifamaa jiru tumsuuf bobbafamaniiru.