Mootiin Sa'uudi haleellaa lammiin isaanii Ameerikaatti raawwate ‘hojii gara-jabeessaati' jechuun ibsan

Madda suuraa, Reuters
Mootiin Sa'uudi Arabiyaa, Saalmaan, haleellaa barataan Sa'uudii buufata galaanaa Ameerikaa irratti raawwate 'hojii gara-jabeessaati' jechuun ibsuu isaanii Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Donaald Tiraamp himan.
Bulchiinsi Sa'uudi gadda itti dhagahame himuuf akka itti bilbilan Obbo Tiraamp fuula tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.
Nami ajjechaa kana raawwate, barataa aviyeeshinii yeroo ta'u bulchiinsa Filooridaa Pensaakolaa jedhamutti nama sadii ajjeesee saddeet madesseera.
Boodarra garuu poolisiin itti dhukaase ajjeeseera.
Bulchaan bulchiinsa Filoriidaa Roon DeSantiis akka jedhanitti mootummaan Sa'uudi Arabiyaa kanneen lubbuu dhabanif beenyaa ni kenna.
Barataan ajjeechaa kana raawwate Mohaammad Sa'iid Alshamrani akka ta'e miidiyaalen Ameerikaa gabaasaniiru. Ajjeechaa kana raawwachuuf shugguxii harkarraa fayyadame jedhameera.
Poolisiin Ameerikaa, FBI barataan kuni akka inni kana godhu waan isa kakaase ifa godhuu baatus hidhata shororkeessisoota waliin qabaachusaa akka qoratamaa jirutti amanameera.
Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa Sa'uudi Arabiyaan michuu Ameerikaati. Sagantaa waraanaa waliinis qabu. Barataan ajjeechaa kana raawwate immoo nama waraanaas ta'u barnootaaf gara Ameerikaa ergame raawwachuun isaa gaaffii kaaseera.
Ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashogjiif qondaaltonni Sa'uudi Arabiyaa himatamanis, Ameerikaan ammallee michummaa Sa'udii Arabiyaa akkuma cimsiteetti jirti.
Ajjeechaan buufata galaanaa Ameerikaatti torban kana qofa yeroo raawwatu kuni kan lammataati.
Mootiin Sa'udii Saalmaan, ''ummanni Sa'uudi taate 'hojii gara-jabeessummaan' raawwaten gaddaniiru, miirri nama kanaa ilaalcha ummanni Sa'uudi ummata Ameerikaa jaalalan hubatu bakka hin bu'u,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Mohaammad Sa'iid Alshamraniin Humna Qilleensaa Sa'uudi keessatti leetanaantii lammaffaa ture jedhaniiru qondaaltonni Ameerikaa.
Ajjeechaa kana booda lammiileen Sa'uudi Arabiyaa hedduu to'annoo jala kan oolan akka ta'e Niw Yoork Taayims gabaaseera.
Humni galaanarraa Ameerikaa akka beeksisetti yeroo ammaa lammiileen Sa'uudii Arabiyaa 18 yeroo ammaa pensaakolaatti leenji'aa jiru.













