Talaalliin taayifooyidii haaraan wayi jijjirama qabaa laata?

Daa'ima talaallii fudhachaa jirtu

Madda suuraa, Gates Archive/Samantha Reinders

Maxxanfame

Talaalliin taayifooyidii haaraa ''akka gaariitti hojjechaa jira'' infeekshinii fayyuu hin dandeenye yaaluufis oolaa jira jedhan doktariin.

Talaalliin yaalii erga kennamee booda ijoolleen dhukkubichaan qabaman %80 hir'isaniiru.

Ogeessotni akka jedhanittii yoo tahe talaalliin kun gama lakkoofsa namoota dhukkubichaan qabaman hir'isuutiin dhiibbaa guddaa ni qabaata.

Paakistaanitti ijoolleen miiliyoona 9 tahan talaalamaa jiru. Kana dura biyya kanatti taayifooyidii erga qabamanii booda qorichaan fayyisuu rakkisaa ture.

Taayifooyidiin maalii?

Taayifooyidiin baakteeriyaa Salmonella Typhi jedhamun kan dhufu yoo tahu, nyaataafi bishaan qulqullinni isaa hin eegamneen daddarba.

Dhukkubichi dhukkuba hiyyummaa yoo tahu, biyyoota hanqina qulqullina manaafi naannoofi bishaanii qabantu dhibee kanaaf saaxilama.

Mallattoon dhukkuba kanaa:

  • ho'i qaama namaa dabaluu
  • mataa bowwaafachiisuu
  • ol-deebisuu
  • fedhii nyaataa dhabuu
  • garaa gogsuu

Dhukkubichi nama 100 keessaa tokko, qaama keessa dhiigni akka dhangala'u gochuun du'atti geessa.

Lakkoofsi sirrii namoota dhukkuba kanaan qabamanii baruun rakkisaa yoo taheyyuu, namoota miiliyoona 11-12 tahan qabachuun, kuma dhibbaa ol immoo waggaa waggaatti akka ajjeesu tilmaamama.

Yeroo yaaliitti maaltu uumame?

Talaalli yaalii dhukkuba kanaa Neppaalitti ijoolleen umuriin isaanii sagalii hanga 16 tahan 20,000 fudhataniiru.

Naannoo kanatti taayifooyidiin dhukkuba guddaa hawaasa keessatti mul'atu dha.

Ijoolleen talaallicha fudhatan waggaa tokko keessatti carraan taayifooyidiidhaan qabamuu isaanii %81 hir'iseera.

Paakistaan immoo weerara dhukkuba taayifoyidii qoricha hin fudhanne (XDR) ishee mudateera.

Daa'ima talaallii fudhachaa jirtu

Madda suuraa, Gates Archive/Samantha Reinders

''Talaallichi naannolee addunyaa dhukkubichaaf saaxilamoo tahan baraaruun akka gaariitti hojjeteera,'' jedhan piroofeesara talaallii yaalii irratti kan hirmaatan, Andrew Pollard Yunivarsiitii Oksfoord irraa.

''Dhukkubichi rakkoo guddaa ture. MaatiiN ijoollee isaanii fayyisuuf jecha hospitaala dhaqanii qorichaafi qorannoodhaaf qarshii isaanii yoo fixan ni argina.

Kanaaf kuni yeroo gammachuu guuddaati jedhan.