Riqicha Landan: Namtichi halleellaa raawwate duraan himatame ture

Qondaala poolisii bakka rakkoon uumametti

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaala poolisii bakka rakkoon uumametti
Maxxanfame

Namitchi guyyaa Jimaataa halleelaa riqicha Landan irratti raawwate kan kana dura himannaa shororkessuummaan himatamee ture ta'u adda baafame.

Namni maqaansaa Usmaan Khan jedhamuufi umuriinsaa waggaa 28 ta'e kunis, wayita halleelicha raawwateetti reefuu hidhaarraa dhiifamaan bahee jedhameera.

Innis gocha isaa kanaan namoota lama kan ajjeesse yoo ta'u, namoonni biraa sadii miidhaaf saaxilamaniiru.

Khaan bakkuma halleelaa miseensoota hawaasaatiin akka hin miliqine erga taasifameen booda qondaala poolisiitiin ajjeefameera.

Poolisiinis gochaan halleellaa shororkessuummaati jedheera.

Khaan duraanuu aanga'ootaan kan beekamuufi bara 2012ttis gocha shororkessuumaatiin himatamee kan ture ta'uu, Gargaaraan Komishinarri poolisii Met, Neel Baasu himeera.

''Innis Muddee bara 2018 dhiifamaan nama hidhaatii kan gadhiifame yoo ta'u, amma attamiin halleellaa kana raawwachuuf akka dhufe qorannoo gadi fagoon gaggeefamaa jiraachusaa'' ibsichaan himameera.

Times ammoo Khaan bara darbee hiidhaadhaa erga gadhiifameen booda, sochiin isaa akka to'atamuuf uffannaa elektironikaa akka uffatu walii galuun kan bahe ta'u gabaaseera.

Qondaaltoonni teessoo isaa Staffordshire tti argamuufi bakka Khaan jiraachaa tureetti qorannoo gaggeessaa jiru.

Usmaan Khaan, 28, bara 2012 'tti hidhamee ture

Madda suuraa, West Midlands Police

Ibsa waa'ee suuraa, Usmaan Khaan, 28, bara 2012 'tti hidhamee ture

"Ammatti qorannoo sadarkaa jalqabaa gaggeessaa waan jirruuf, ammaaf halleelicha ilaalchisee eenyuunu hinbarbaadnu'' jedheera.

''Haa ta'u namoonni biraa halleelaa kana keessatti hin hirmaatiin deebii attattamaa taasisuuf itti fufneera. Akkasumas halleellaan gara biraa ummata irra akka hingeenyeeef hajjataa jirra,'' jedheera.

Namtichi halleellaa raawwateer guyyaa Jimaataa sa'aatii 13:58 GMT irratti bakka Fishmonger' Hall' jedhamuufi kaaba Riqicha Landaniitti argamuutti eegale. Eddoon kunis bakka konfaransiin mata duree 'Waliin barachuu' jedhuun haala hidhamtoota bayyanachisan irratti Yunivarsitii Kaambirij keessatti gaggeefamaa tureedha.

Shakkamaan kunis walgahii namoonni biraa hedduufi barattoonnii fi hidhamtoonni duraa irratti hirmaataa jiranirratti qooda fudhate ture.

Mr Baasuun halleelichi gamoo keessatti eegaluun booda gara Riqicha Landan lafa Khaan itti qondaaltoota poolisiitiin waliitti dhokaasee akka gahe himeera.

Dhiiraafi dubartiitu ajjeefame

Halleelichaan dubartiifi dhiira tokkotu ajjeefame, Mr Baasu himan. Akkasumas dhiirri tokkoofi dubartoonni lama kan biraa miidhamuun wallansaaf hospitaala galaniiru jedhe.

Simon Stevens, Ittigaafatamaa NHS, Jimaata akka jedhaniitti, kanneen miidhaman keessa tokko haala cimaa keessatti kan argamu yoo ta'u, lammaffaan tasgabbaa'aa yoo ta'u inni sdaffaan ammoo miidhaa muraasatu irra qaqabe jedheera.

haa ta'u malees maqaan namoota du'aniif ta'e kanneen miidhaa irra qaqabee adda baafamuun hincaqafamne. Qondaaltoonni poolsii eenyummaa namoota kanneen adda baafachuuf hojjataa jiraachu himaniiru.

Presentational white space
Suura naannoo riqichaa agarsiisu

Madda suuraa, @GeorgeBarden_

Kana duras Waxabajjii 3 bara 2017'tti Riqichi Landoon halleellaan walfakkaatu itti gaggeefamuun namoonni saddeete ajjeefamanii baayyeen miidhamsaanii niyaa datama.

Haalleellaan tibbanaa kunis erga yaaddoonni shorrkessuummaa UK'tti sadarkaa yaachisaarraa gara jiddugalaatti bu'unsaa Sadaasa 4 himameen booda. Kana jechuunis halleellaan yoomiyuu raawwatamuu danda'a jechuudha.

Sadarkaa yaddoo sharorkeessuummaa yeroo hunda baatii jahaan kan xinxalamu yoo ta'u, Jiddugalli Xinxala Shororkessummaa gaggeefameen motummaan of danda'u akka qabaatu yaada furmaataa dhiyyeesse jira.