Arjantiinaa: Luboonni kaatoolikii daa'imman gurri hin dhageenye gudeedan hidhaman

Maatii fi quuqamtoonni ijoollee miidhamanii mana murtii keessatti walhaammatanii wayita boo'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii fi quuqamtoonni ijoollee miidhamanii mana murtii keessatti walhaammatanii wayita boo'an
Maxxanfame

Arjantiinaa keessatti luboonni mana amantii kaatoolikii daa'imman gurri hin dhageenye irraan miidhaa saal-quunnamtii waan geessisaniif hidhaa waggaa 40 oliin adabaman.

Yakki akkasii wayita mana amantii keessatti raawwatamuu dhagahan lammiileen biyyattii baay'ee rifatan.

Luboonni maqaan isaanii Horacio Corbacho fi Nicola Corradi, jedhaman eegduu mana amantii kaatoolikii waliin wal qindeessuun bara 2004 irraa hanga 2016tti daa'imman mana barnootaa gowwoomsuun gudeedaa turan.

Namoonni himataman kunneen Corbacho nama umurii waggaa 59 hidhaa waggaa 45n , Corradi nama waggaa 83 hidhaa waggaa 42n adabamaniiru.

Namni Armando Gómez jedhamu kan mooraa mana amantii kaatoolikii eegu ammoo hidhaa waggaa 18n adabameera.

Namoonni kunneen waggoota dheeraaf himatamaa turanillee maqaa amantii jala dhokachuun utuu itti hin gaafatamiin yoona ga'uutu himama.

Wiixata kaleessaa miidhamtoonni hedduun mana murtiitti argamuun himata yakkamtoota irratti dhiyaate dhaggeeffachaa turan.

Biyya abbaa amantii kaatolikii gameessaa, Pope Francis, kan taate Arjantiinaan manni amantii biyyattii keessatti argamu tarkaanfii fudhachuurratti rincicuunsaa komii guddaa kaaseera.

Waggoota dhiyoo as manni amantii kaatoolikii mirga daa'immanii sarbuu fi gudeduudhaan baay'ee komatamu.

Nicola Corradi (karaa mirgaa wiilcheerii irra) ,Armando Gómez (gidduu) fi Horacio Corbacho (bitaa) wayita mana murtii keessaa ba'an

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Nicola Corradi (karaa mirgaa wiilcheerii irra) ,Armando Gómez (gidduu) fi Horacio Corbacho (bitaa) wayita mana murtii keessaa ba'an