Yunivarsiitiin Gondaritti shakkamtoota walitti bu'insa dhiyeenya kanaa 19 qoratamaa jiru jedhe

Asxaa Yinivarsiitii Gondar

Madda suuraa, Gonder Yuniversity Facebook page

Maxxanfame

Yunivarsiitiin Gondar walitti bu'insa dhiyeenya kana mudate irratti kanneen hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhe.

Ibsa yunivarsitichi fuula feesbuukii isaarratti maxxanseen akka beeksiiseetti, barattoonni, hojjetaafi namni miseensa Yunvarsiitichaa hin taane tokko dabalatee namooti 40 to'annaa jala oolanii turan.

Kanneen keessaayis, kanneen yakki shakkamaniin gorsaan darabmuu danda'u jedhamuun barattoonni 21 kan gadhiifaman yoo tahu, warri hafan qorannoon dabalataa irratti taasifamaa jiraachu beeksiise.

Haaluma kanaanis, sakatta'insa tasaa shakkamtoota irratti taasifameen barattoota digrii jalqabaa tokko harkatti qarshiin kuma afurtamaa hanga kuma dhibba tokkoo irratti argame.

Barattoota gurmeessuufi rakkoo uumuun kan shakkaman barattoota lamaafi barataan warqaa eenyummaa maqaa lama qabu afur qabatee argame tokko to'atamuu kan hime yunivarsitichi, nama miseensa yunivarsitichaa hin taaneefi waraqaa eenyummaa dubartii qabatee mooraa seenuuf osoo yaalu to'annaa jala olfamee kan keessatti argaman ta'u himeera.

Kana malees, balaan ibiddaa qaqqabuun dura yeroo gamoo keessaa bahan kaameeraadha barattoota waraabaman sadii to'atamaniiru jedheera.

Barattoonni gara mooraa yunivarsiitii akka hin seenne barattoota dhorkaa turan toorbaafi barattoota kaan reebuudhaan kan shakkaman lama to'atamaniiru.

Dabalataanis hojjetaa yunivarsitichaa itti gaafatamummaa isaan bahachuu dhabuun balaan ibiddaa akka mudatuuf sababa tahaniiru jedhame waliin namooti 19 qorannoon dabalataa irratti taasifamaa jira jedhe.

Gareen qorannoo kana attattamaafi qulqullinnaan gaggeessu tokkos hundeefamun hojii eegalusaafi qorannichi wayita xumurameettis uummataafi motummaaf ifa kan taasifamu ta'uus yunivarsitichi himeera.

Maddi: Facebook Yunivarsiitii Gondar.