Haleellaa mana barnootaa Kaaliforniyaan lubbuun darbe

Haleellaa booda abbaa ilma isaa haammatee dhaabatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa mana barumsichaan booda abbaa ilma isaa haammatee dhaabatu
Maxxanfame

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kaalifoorniyaa keessatti namni meeshaa waraanaa hidhate dhukaasaa baneen barattoonni lama ajjeefamanii sadii ammoo mada'uu isaanii aangaa'onni himan.

Haleellaan kun kan gaggeeffame kaaba Loos Aangelis magaalaa Saantaa Kilaaritaa, Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Sawugas keessatti barumsi guyyaa eegaluuf daqiiqaa xiqqoo dura ture.

Shakkamaa kan ta'eefi ofiis kan madaa'ee dargeessi ganna 16, to'annoo jala ooleera.

Biiyyiitti keessatti haleellaa bayyateen booda manneen barnoota Ameerikaa hedduu, dhukaasii yoo jiraateef barattoonni maal gochu akka qaban irratti leenjii yeroo yeroon ni keennu.

Hogganaan poolisii bulchiinsa Loos Aangelis Aleeks Villaanuweeva ibsa midiyaaleef kennaniin dhuukasi kun jalqaba kan gabaafame akka yeroo biyyattitti ganama 07:38 irraatti ta'uufi himaniiru.

"Sakandii gabaabaa keessatti bilbila nuuf qaqqabaa jedhu hedduutu dhufe," jechuun poolisiin bakka taatee kanaa daqiiiqa lama gidduutti akka qaqaban himaniiru.

Nama dhukaasa bane dabalatee namoota rasaasaan midhamaan ja'a argaman gara hospiitaala geeffamuu Obbo Villaanuweeva ni himu.

Dubarri ganna 16 fi dhiirri ganna 14 rasaasaan erga rukutamanii du'anii jedha poolisiin. Kan madaa'an ammoo ijoolle durbaa ganna 15 fi 14 lamaafi dhiira ganna 14 dha.

Oggeessi meeshaa waraanaa Kaapteen Keent Weginar shakkaman kun "dhiira ganna 16 yoo ta'u guyyaan har'aaa kabaja guyyaa dhalootaa isaati" jedhu.

Miidiyaaleen Ameerikaa maqaan dargaggoo kanaa Nataniyeel Beerhow ta'uu gabaasaniiru.

Dargaggoo kanaa waliin kan baratte Birook Rislii, Nataniyeel nama badaa hin dubbannee garuu "uumamaan qaxalee" ta'eefi jaalallee akka qabu dubbachuuse 'The Associated Press' gabaasa.

Akka viidiyoon agarsiisutti shakkamaan kun shuquxii korojoo isaa keessaa baasuun barattoota shanan erga rasaasaan rukutee boodaa rasaasa mataasaatti dhukaasuu akaa agarsiisuu Obbo Weginar dubbataniru

Manni jireenya shakkamaa kanaa addaa baafamuufi ragaalee akka barbaachuu eegaluuf akka jiran poolisiin dubbateera.

Mana baruumsaa keessaa baratootta tooraan ba'an

Madda suuraa, CBS

Manni baruumsa sadarkaa lammaffaa Sawugas fi manne barnoota biroo nannaanicha jiran yeroo dhukaasa kanaatti cufamanii turani. Saatii saadii booda deebi'anii banamaniru.

Barrattuun tokko akka NBC'tti himtetti yeroo namootni fiiguu eegalanitti hojmanee ishee hojjataa turte. "Baayyee baayyen sodaadhee rom'aan ture" jetti.

Baratttuun bira Azaleyaa jedhamtu isheefi barattoonni dareeshee balbala daree isaani barcumaan akka hin banamneef ugguruu isaanii CBS'tti himteetti. "Baayyee nama sodaachisa, yeroo namni hundi rifate maatii isaaniif bilbilaani isin jaallanna jedhan."

Akka gabaasa 'Washington Post'tti haleella mana barnoota sadarkaa lammaffaa Kolubayin, Koloraadoo bara 1999 booda Ameerikaa keessatti barattoonni 230,000 ta'an haleellaa dhukaasaa mana barnootaratti gaggeefamuuf saxilamaniiru.