Lagni Kooriyaa Kibbaa dhiiga booyyeen faalamee diimaatti geeddarame

Laga dhiiga booyyeen diimaa ta'e

Madda suuraa, Yeoncheon Imjin River Civic Network

Maxxanfame

Lagni daangaa Kooriyaa laman bira jiru dhiiga booyyee hedduu ajjeefamaniin erga faalamee booda diimaatti geeddarame.

Aangaa'oti Kooriyaa Kibbaa tatamsa'ina dhibee 'African swine fever' ykn ASF jedhamu dhabuuf jecha booyyee 47,000 ta'an ajjeesaniiru.

Roobni cimaa ture dhiigaa lafa awwaalchaa cina jiru irra gara Laga Imjin jedhamutti akka lola'uu taasiseera.

Dhibeen 'African Swine Fever' kan hedduu daddarbuu, dawaa kan hin qabne fi booyyeen dhibee kanaan hubame carraan lubbuun ooluu isaa baay'ee xiqqoo yoo ta'u, namaaf garuu rakkoo guddaa kan qaqqabsiisu miti.

Yaaddoo dhiigni laga faale kun bineensota hubaman biraatti dhibee kana tamsaasu danda'a jedhuuf aanga'oonni naannichaa booyyeen kunneen ajjeefamuun dura akka hin dabarsineef daawwaan kennameeraaf jechuun deebii kennaniiru.

Dabalataaniis faalamni dabalataa akka hin uumamneef tarkaanfiin hatattamaa fudhatameera jedhu.

Ajjeechaan booyyee kunneenii Sanbataafi Dilbata darbe ture kan gaggeefame. Reeffii isaanii lafa awwaalchaa naannoo daangaa Kooriyaa lamaanitti koonkolaatota hedduu keessatti ture kan kaa'ame jedhameera.

Oomishi meeshaa kuusaa pilaastikii irraa uumamee fi awwaalchaa kanaaf fayyaduu barfachuun isaa awwaalchi kun akka yeroon hin gaggeefamne godheera.

Dhibeen ASF Kooriyaa Kibbaa keessatti kan mula'te dhiyeenya kana, karaa booyyee daangaa Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa gargar baasu darbuunii dhufaniini jedhamee yaadama.

Waaraanni Kooriyaa Kibbaa booyyee daggalaa daangaa darbuu yoo argan akka ajjeesaniif ajaja qabu.