Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqattoonni Itoophiyaa Kaampii Dadaabiiti 'biyyatti deebi'uufi'
Baqattoonni lammii Itoophiyaa kaampii baqattoota Dadaab biyya Keeniyaa ergamu keessaa biyyatti deebi'u fedhii akka qaban Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa himan.
''Kaampii Dadab keessa lammiileen Itoophiyaa kuma 7 fi 252 kan tahan jiru. Isaan keessaa walakkaan gara biyya fi qe'ee isaanitti deebi'uuf fedha qabu,'' jedhan Ambaasaaddar Mallas Alam.
''Namoota deebi'uf fedhii qaban keessaa walakkaa kan tahan namootni 1500 deebi'uuf galmaa'aniiru,'' kan jedhan qondaalli kuni gidduu kana qondaaltota kaan waliin kaampiicha daawwachuu isaanii himu.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishiniin Baqattootaa jedhutti hanga Hagayya 2019'tti baqattoonni fi koolu galtoonni kuma 200 ol kaampii kana keessa jiru.
Ambaasaddar Mallas Alam BBC'tti akka himanitti mootummaan Itoophiyaa baqattoota kaampii baqattootaa guddicha Kaaba Baha biyyattii jiru keessa jiraatan gara biyyaatti deebisuuf sochii eegaleera.
Qondaalli kuni qondaaltota bulchiinsa Gaarrisaa fi qondaalota damee deeggarsa baqattotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin tahuun kaampicha daawwataniiru.
Daawwannaan isaanii kunis baqattoota gara biyya isaaniitti galuuf fedha qaban adda baasuufi haala itti jiranis ilaaluuf akka ta'e Ambaasadar Mallas himan.
Kaampii kana keessatti lammiileen Itoophiyaa waggootaa dheeraaf jiraachun bultii horatanillee jiru.
''Qaamaan keeniyaa keessa haa jiraatan iyyuu malee yaadni isaanii biyya akka jiru hubachuu dandeenyera,'' jedhu Ambaasaaddar Mallas Alam.
Lammiileen biyyatti deebi'uuf fedhii agarsiisanis biyyatti deebisuuf garuu dursa haalli mijeessuun waan barbaachisuf sochiin eegaluu ibsu.