Tarkii-Siiriyaa: Ameerikaan erga mar'ate booda 'Kudoonni akka bahaniif' haleellaa nan dhaaba jette

Pireezidant Doonaald Tiraamp
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tarkiin haleellaa Kaaba Siiriyaatti gaggeessaa jirtu dhaabuun humnootiin Kurdi naannoo daangaatii akka siiqan waliigaltee jirti.

Waliigalte kunis kan taasifame Ittaanaan Pirezidaantii Ameerikaa Maayik Peensi fi pirezidaantiin Tarkii Taayip Erdohaan magaala Ankaaraatti wal arguun erga mari'atanii booda ture.

Waraanni hundi guyyoota shaniif kan dhaabatu yoo ta'u, Ameerikaan ammoo loltoonni Kurdii akka naannoo Tarkiin 'godina nagaa' jettuunii bahaniif kan mijeessitu ta'a jedhaniiru Peensi.

Haa ta'u malee Warri YPG Kurdootaa kanaan kan waliigalan ta'uu fi dhiisuun hin beekamne.

Komaandar Maazluum Kobanii humnootiin warra Kurdiin hoogganaman naannoolee daangaa magaaloota Raas al- Ayin fi Tal Abyaad jidduutti argaman, lafa waraanni itti gaggeefamaa jiruutti waliigalticha kan fudhatan ta'a jedheera.

''Waa'ee carraa naannoolee biraa ammatti hinmari'annee'' jedheera.

To'ataan Mirgoota Namoomaa Siiriyaa UK'tti bu'ureeffate tokkoos, erguma dhukaasa dhaabuun labsameen boodas walitti bu'insichi Ras al-Ayin jiraachu himeera.

Akkasuma Siiriyaa keessatti nagaa 72 ajjeefamusaaniifi kanneen kuma 300 ol ta'an ammoo guyyoota darba saddeet keessatti lafa jireenyaasaaniirraa baqachuu himeera.

Haleellicha maaltuu kakaase?

Tarkiin haleellaa daangaa hundarratti kan bante torban darbe keessa. Kunis erga pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waraanasaanii daangaa Siiriyaafi Tarkii irraa akka kaasan ibsuun booda.

Kaayyoonsaa gare milishoota Kurdii -Damee Ittisa Ummataa (YPG) kan Tarkiin akka shororkeessitootaatti ilaaltu akka gara boodatti siqa taasisuuf ture.

Tarkiinis baqattoota Siiriyaa gara miliyoona lamaa daangaarra qubachiisuuf kan abdattu yoo ta'u, qeeqxoonni ammoo kun uummata Kurd biyya keessatti argaman duguuguu kan kakaasu akka hintaanee akeekachiisaniiru.

Loltoota Siiriyaa Tarkiin deeggaraman

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Murteen Ameerikaa sun Kurdoota michuu biyyattii turan Humnoota Dimokraasii Siriyaa (SDF) akka ganuutti lakkaahama jechun Pireezidant Tiraamp komatamaa turan.

Humnoota Dimokraasii Siriyaa (SDF) waraana Ameerikaa waliin ta'uun Siiriyaa keessatti Gareee IS waraanaa turan.

Haa ta'u malee guyyaa Kibxataa warri Kurdii ''ergamtoota miti'' jechuun ''Daangaa keenyas miti. Kanaafuu lubbuu dhabuun nurra hinjiraatu,'' jedhanii ture Tiraamp.

Tiraamp waa'ee dhukaasa dhaabuu maal jedhan?

Doonaald Tiraampi waa'ee dhukaasa dhaabuu Tarkii osoo itti aanaan isaa Ankaaraa jiran hin dubbatiin dura ''Lubbuun miiliyoona ta'u ni baraarama!'' jechuun tiwiitara barreessan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Itti dabaluunis waliigaltee kun guyyoota sadii qofa taasifamu hinqabaatu. Akka hojiirra oluuf jaalalli cimaan jiraachu qaba. ''Hunda keessaniif waan cimaa raawwattan. Isiniinan boona! jedhan.

Itti aanaan isaanii Maayik Peens ammoo''hoggansa cimaa'' jechuun Tiraampiin leellisaniiru. ''Inni dhukaasa dhaabu barbaada ture. Walitti bu'iinsi akka dhaabbatau barbaada ture,'' jedhan.

Ittaanaan Pireezidantii guyyoota shaniif waraanni hin jiru jedhan

Madda suuraa, Ittaanaan Pireezidantii guyyoota shaniif waraanni