Daandiin Bahirdaarii Finfinnee geessu amallee cufaadha

Madda suuraa, Kush Media Network
Shawaa kaabaa aanaa warra Jaarsoo galma magaala Gohaatsiyoonitti konkolaattota deddeebistoota uummataa ta'an (TATA) namoota hiriira Finfinneetti boru waamameefi seeraan beekamtii hin qabneef deddeebisaa jiru jechuun akka hin dabarre dhorkan jedhame.
Guyyoota muraasaan dura konkolaattootni fe'isa ummataa kunnin duwwaa isaanii gara Kaaba biyyattiitti darbuu saanii dargaggootni kunnin hordofaa turanii nuun jedhan hojjetaan kominikeeshinii aanichaa Obbo Abarraa Warquu.
Yeroo deebi'an hiriiraa boruuf nama fe'anii dhufan jedhamuun akka hin dabarree dargaaggoota naannichaan ittifamanii ofirra akka deebi'an ta'uus nutti himan.
''Qeerroon nurra darbanii hiriira nurratti bahuu hin qaban jechuun daandii itti cufanii.''
Konkolaattootni kaan darbaa akka turanii fi ittisni konokaatota gosa TATA ''hiriiraaf namoota guuranii fidan'' jedhan qofarratti akka ta'e dabalanii nutti himaniiru.
Lakkofsi konkolaattota akka hin dabarre taasifamanii hagam akka ta'eefi haala amma jiru quba akka hin qabnellee nutti himan obbo Abarraa.
Gama kaaniin Nannoo Amaaraatti hoogganaan bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa Dajan obbo Kaasaa Asfaaw daandiin waan hin banamneef konkolaattootniiifi imaltootni hedduun magaala Dajan keessa jiraachuu himan.
Dhimma kana irratti Poolisii Oromiyaa waliin kaleessa haasa'aa turuus dubbataniiru. Konkolaattotni kunniin qaamole nageenyaan sakatta'amanii darbaniis, dargaggootaan dhorkamaa turan jedhaniiru. Daandiin kun guyyaa guyyaa hanga konkolaattota 80 galgala ammo dachaan kan keessummessudha.
Kaleessa konkolaattootni 200 ol ta'an magaala isaanii buluus dabalanii himaniiru.
Godina Shawaa Kaabaatti hoogganaa Bulchiinsaa fi Nageenyaa kan ta'an obbo Lammaa Hordofaa dhimmicha qulqulleefachuuf hooggantootni gara naannichaatti ergamuufi ganama kanas konkolaataa ittisuun akka hin jiraanne qajeelfama keenyee nagaan Finfinneetti darbaa akka jiran ragaan qaba jedhaniiru.
Imaltootni garuu amallee daandiin cufaa ta'uu komatu.













