Yunvarsiitiin Harvaard yeroo barattoota simatutti loogii sanyummaarraa bilisa jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Yunvarsiitiin Harvaard adeemsa barattoota simatee barsiisu keessatti sanyummaan loogii taasisa himannaan jedhu seenaa isaa keessatti irratti ka'aa tureera.
Dhimmuma kanaan walqabatee himannaa irratti banamee murteen isaa yeroo dheeraadhaaf eegamaa tureen manni murtii Federaalaa waajirri Yunvarsiitichaa barattoota Harvaarditti barachuuf iyyatan irratti loogii hin taasifne jedheera.
Abbaan murtii himannaa Yunvarsiitichi namoota qabxii walfakkaataan barachuuf iyyatan keesaa kanneen addii, gur'aachaafi Ispaanishoota ta'aniti warra Eeshiyaarraa ta'an caalaa filatama jedhu kuffiseera.
Abbaan Murtii Aanaa Allison D. Burroughs akka jedhanitti manni murtii ulaagaa saganatwwaan simatanii barsiisuu "baayyee xixiqqaa" dhabamsiisuu hin danda'u.
Adeemsi seeraa kun akka simannaan barattootaa bifa warra gadi aanoodha jedhaman aangessuu (affirmative action) irratti rifereendamii gaggeessuutti ilaalama.
Murteen kunis ijjibaataan ammallee kara Mana Murtii waliigalaa US'tti darbee ilaallamuu ni danda'a.
Harvaard yunvarsitiiwwan US keessa jiran keesaa kan sadarkaa ol aanaarra jiruufi baayyee filatamaadha. Waggaa waggaadhaan barattoota haaraawaa 42,000 ta'an iyyatan keessaa 1,600 simatee barsiisa.
Harvaard akkamiin himatame?
Himanni kun kan baname garee barattootaa maqaa Gurmuu Barattootaa Simannaa Walqixaa (Students For Fair Admissions (SFFA)) jedhamniin ture.
Himannan dhiyaate kun Yunvarsiitiin beekamaa ta'e kun yeroo barattoota simatutti sanyummaa ilaalcha keessa galchuudhaan Ameerikaanota sanyiin hidda dhaloota isaanii Eeshiyaarraa ta'an duuba qaba jedha.
Barattoonni hiddi dhaloota isaanii Eeshiyaarraa ta'e yeroo baayyee ulaagaa itti baayyisuudhaan akka hin fudhatamne taasifamu.
Itti dabaluun himannaan kun Harvaard "sanyii madaalawaa taasisuuf" mala kootaa fayyadama. Kun ammoo seera Federaalaa jalatti sirrii miti sababiin isaas barattoota sanyii biraa keessaa ta'aniif bakka qusachuudhaaf jecha barattootta hiddi sanyii isaanii Eeshiyaarraa ta'an akka lakkoofsi isaanii xiqqaatu taasisa.
Gareen himannaa banaan kun akka jedhanitti yoo ta'e osoo sanyummaan akka uulaagaatti ilaalcha keessa galuu dhiisee qabxiidhaan ta'ee lakkoofsi barattoota Eeshiyaarraa ta'an dachaan dabaluu danda;a.
Harvaard kanaaf deebii akkamii kennee?
Harvaard barattoota simatee barsiisuu keessatti ulaagaa "hunda-galeessa" ta'e fayyadamuun calallii raawwata. Yeroo kana godhuttis sanyummaan ulaagaa baayyee xiqqaa ta'edha.
Harvaard akka himetti baayyinni barattootaa Eeshiyaarraa dhufan baayyee dabalaa dhufee yeroo ammaa barattoota jiran keessaa 23% irra ga'eera.
Murteen mana murtii maal ture?
"Manni murtichaa Yunvarsiitichi akka sanyummaan loogii hin taasifne adda aafateera. Garuu dhimmoota sagantaa ulaagaalee xixxiqqaa ta'an keessa galee dhorkuun akka hin taane murteesseera. Sababiin isaas, Yunvarrsiitichi walaba ta'ee iftoominaan caalaatti ni hojjeta," jedhan Abbaan Seeraa Aanichaa Allison Burroughs yeroo murtee darbe keessatti barreesa.
Gurmuun barattootaa (SFFA) himannaa kana banan garuu ijibbaataaf gara Mana Murtii waliigalaatti geessuuf yaadaa jiru.















