Rogeessi Masirii beekamaa ji'a ja'a dura hidhaa bahee deebi'ee to'atame

Maxxanfame

Mootummaa Masirii mormuudhaan beekamaa kan ta'e Alaa Abdeel Fattaah mana hidhaatii bahee ji'a ja'aan booda ammas deebi'ee qabamuu dubbatu maatiin isaa.

Alaa Abdesl Fattaah Bitootessa keessa kan hiikaman yoo ta'u turtii hidhaa waggoota shaniin booddee ture. Yeroo sanattis himanni qabsaa'aa kanarratti dhiyaate hayyama malee mormitoota qindeessuu kan jedhu ture.

Baraa 2011 keessa mormii pirezedaantii Masirii duraanii Hosnii Mubaarak irratti mormiin ummataa ka'ee turettti adda durummaadhaan duula gaggeeffamaa ture dursaa turan.

Haala qorannoo yeroo mana hidhaa tureen rogeessi kun waggoota shaniif galgala mana buufta poolisiitti dhiyaatee qoratamaa tureera.

Dilbata darbe ammoo, Abdeel Fattaah aanga'oota Masiriin akka deebiyee to'annaa jala oolfame maatiin isaa himaniiru.

"Yeroon buufata poolisii inni itti qoratamaa ture qaqqabu, bakki sun duwwaadha," jechuun dhaabbata oduu Reuters'tti himte obboleettiin isaa Moonaan.

akka gaabaasaaleen jedhanitti, Abdeel Fattaah kan to'annaa jala oolfamaniif himannaa oduu sobaa maxxansuufi akka namoonni mormiidhaaf kaka'an gochuu jedhuun ture.

Akka gareen mirgoota namoomaaf falman jedhanitti, erga torban darbee kaasee magaalaa Kaayiroofi kannen biroo keessatti mormiin bibittinnaa'aa mootummmaarratti ka'ee namoonni 2,000 to'atamaniiru.

Mormiin yeroo ammaa ka'e kun mootummaan Pirezedaant Abdeel Fattaah al-Sisi malaammaltummaadhaan biyya miidhaa jira kan jedhuuf deebii kennuuf jedhameera.

Bulchiinsa Pirezedaant Sisi kana jalatti, namoota mootummaa isaa mormuu barbaadan hedduu waan gadi qabuuf mormiin jiru baayyee muraasadha.

Erga bara 2013 as hayyama mootummaa malee namoonni 10 ol walitti qabamuun yakkadha.

Alaa Abdeel Fattaah eenyu?

Abdeel Fattaah nama ilaalcha amantaa irraa bilisa ta'eefi bara 2011 mormii akka biyyaatti ka'ee Hosnii Mubaarak kan waggoota 30f Masiriin bulche aangoorraa buuse gaggeessedha.

Rogeessi kun ogummaan injiinara sooftiwaarii yommuu ta'u aanga'ootaan ammoo akka "mallattoo warraaqsaatti" ibsama.