Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shaampiyoonaa Atileetiksii Adunyaa: Dohaatti atileetotni 28 fiigicha Maraatoonii addaan kutanii bahan
Atileetiin Keeniyaa Ruut Chepingetiin fiigicha Maraatoonii Shaampiyoonaa Atileetiksii Adunyaa Dohaatti gaggeeffame mo'atte.
Atileetotni 68 dorgomii fiigicha Maraatoonii dubartootaa walumaan eegalanii turanilleen, 28 kan tahan addaan kutanii bahuuf dirqamaniiru.
Fiigicha halkan walakkkaa eegale kana irratti atileet Biriiton Chaarloottee kanneen adda kutanii bahan keessaa yoo taatu tempireecherri isaa 32C fi laboobni ho'ichaan uumame ammoo 70% taha.
Qindeessitootni dorgommichaa figicha Maraatooniif haala qilleensaa irratti sodaan jiraatus akkaataadhuma jalqaba karoorfameen ture kan gaggeessan.
Leenjisaan Maraatoonii Itoophiyaa Hajii Adiloo Roobaa atileetotni Itoophiyaa sadii addaan kutanii bahuu himaniiru.
Maraatoonii Tokiyoo kan mo'atte Ruut Aagaas akkasuma dorgommicha addaan kutuuini kan baate.Haala akkasii kana keessatti fiigicha maraatoonii biyya keenya keessatti iyyuu fiignee hin beeknu jedhe Haajii Adiloo Roobaa.
''Namootni meeqa akka xumuran ilaaluun barbaada'' jedhe.
Atileetiin Keeniyaa ganna 23 warqee kan argatte yoo tahu sa'a 2:32 :43 itti fudhateera.
Shaampiyoonaa kan turte atileetiin Baahireen Ruut Chelimoo 2ffaan xumurte. Fiigicha Maraatooniin seenaa Biriiten keessatti saffisa guddaa qabaachuun atileetii 3ffaa kan taate Purdee jedhamtu marsaa 3ffaan yommuu eegalu adda kuttee baate.
Fiigicha kana sadarkaa 3ffaan kan xumurte ammoo atileetii Namibiyaa Haaliyaa Johaannisidha.